bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
Romans 15
Romans 15
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Nu worri d'ugefacha jabdu qabu laafinna worra lalaafa obsine ulfinna isaanii baachu malle. Ufi ch'alla gammachiisu himmalle.
2
Ammo nami ch'ufti ha oboleesa ufi qarqaare gammachiisu, aka d'ugefacha keesati isa jabeesani.
3
Wonti akanatiifi Kristoni ufi ch'alla ingammachiimne; ammo akuma t'aafiini jettu, Arabi nami si arabse ya nati deebie.
4
Wonti akanatiifi waan t'aafi keesati t'aafani ch'ufa aka nu barsiisaniifi t'aafani, aka nu abdi maro jabeennaafi obsa t'aafiini nuu kennitu argannu.
5
Waaqi, ka obsafi jabeenna namaa kennu, isani wold'ageesise akheekha Kristo Yeso gula isani yaasina,
6
aka isaniini ch'ufti qonqo tokooni Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristo faarsitani.
7
Akuma Kristoni isani fud'ate, maro guddinna Waaqaatiifi wolfud'ad'a.
8
Anini isaniti hima, Kristoni hojattu Yahudi tahe, aka, aka Waaqi ka d'uga, agarsiisu; aka khakhuuni Waaqi jaaroleti kakhate d'ugaa taatu,
9
ammalle aka gochiti d'ibiini dandeete, maro naasu isaatiifi, isa faarsitu. Akuma t'aafiini jettu, Tanaafi anini maro teesaniifi gosa d'ibi keesa galata sii deebisa, anini faaru maqa kanketi d'ahad'a.
10
Ammalle waan jettu, Gammada, gosa d'ibi, gumi Waaqi fohate woliini!
11
Ammalle, Aabbo faarsa, gosa d'ibi ch'ufa, guddisa isa faarsa, gosa ch'ufa!
12
Ammalle Isayani waan jed'u, Nami d'aloota Yese ind'ufa; inni olkaeti gosa d'ibi fida; isiini abdi ufi isa gubbaa keyatti.
13
Waaqi, ka abdi namaa kennu, gammadafi nagaya isanii kennina maro d'ugefacha teesani ta isani isa d'ugefattaniifi, aka abdiini teesani jabeenna Lubbu Qulqullotiini iti daramtu.
14
Oboleyaani tiyya, anini aka isani dansoomaani guutamtani qalbi horattani, ammalle wolbarsiisu dandeetani imbeekha.
15
Ammo tatabe tana keesati ya waan gari ta qara isaniti hime guddo iti jabaad'e isani qaabsiise. Anini waan Waaqi na eebise,
16
hojattu Kristo Yeso aka gosa d'ibi keesa hojad'u na tolcheefi garaa jabaad'e. Anini Odu Dansa ta Waaqa biraa d'ufte aka qaallu odeesa, aka gochiti d'ibiini sorio Waaqi fed'u taatu, ta Lubbuuni Qulqullooni kurfeesiteefi.
17
Maro Kristo Yeso keesa anini huji Waaqa hojad'eefi ufi guddisa.
18
Anini garaa jabaad'eti waan Kristoni harka kiyyafi afaani kiyyaani tolche ch'alla odeesa, aka gochiti d'ibiini Waaqa ch'aqaftu.
19
Inni huji tana jabeenna waan mamatiifi ka akheekhatifi ka lubbutiini tolche. Tanaafi haga Yerusalemuti haga Ilkiro anini ya Odu Dansa ta Kristo qit'eese odeese.
20
Fed'iini tiyya aka Odu Dansa fulla nami ind'agayiiniti odeesu, aka yayaba nami d'ibiini jaare gubbati mana inijaarre
21
Akuma t'aafiini jettu, Worri waan isaa namu iti inhimini inarga, ammalle worri waan isaa ind'agayiinileeni inhubata.
22
Maro waan kanatifi anini maro heddu gara keesani d'ufu dad'abe.
23
Ammo amma huji tiyya ta arda kana ya hobaase, ammalle waan anini ganna heddu guddo isani argu fed'eefi,
24
amma waan isani argu seha. Gaafa lafa Spania d'aqu isani ira bahu fed'a, aka isani imaltu tiyya keesati na qarqaartani, eegi anini diqo fulla teesani boqad'e.
25
Ammo ammatana aka gumi Waaqa qarqaaru Yerusalemu d'aqa.
26
Wonti akanatiifi gumiini Makedoniatiifi ta Griki ya ufi baafte, aka hiyyeeyi gumi Waaqa ta Yerusalemu keesa jirtu horiini qarqaartu.
27
Worrumati fed'e tolche, ammo sila hiyyeeyi suni qarqaaru malani. Wonti akanatiifi Yahudiini ya eeba lubbu gosa d'ibi kennite, tanaafi gochiti d'ibileeni waan qabduuni Yahudi qarqaaru malte.
28
Eegi anini huji tana hobaase, hori baasani ch'ufa harka worrati kenne, imaltu lafa Spania d'aqa, duuba isani ira baha.
29
Yo fulla teesani d'ufe, anini imbeekha, eeba Kristo mijuuni d'ufa.
30
Anini isani kad'ad'a oboleyaani tiyya, maqa Aabbo Yeso Kristotiifi jaalala lubbuuni kennituni: kad'acha anini Waaqa kad'ad'u keesa isanileeni naa kad'ad'a.
31
Kad'ad'a, aka anini worra ind'ugefatiini ka Yudea keesa jiru nagayaani jalaa bahu, ammalle aka huji anini hojad'u gumiini Waaqa ta achi jirtu quuftu.
32
Duuba, gammada guddaani gara keesani d'ufa, yo Waaqi jed'e, ammalle aka dansa fulla teesani boqod'a.
33
Waaqi, ka nagaya nuu kennu, isani ch'ufa woliini tahinna. Amini.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16