bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
Romans 3
Romans 3
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
1
Yahudiini gosa d'ibi ira jirti re? Yokhaani qabanqabaani woma namaa baati?
2
Kara ch'ufaani guddo wo baati! Wonti qaraa fiit'e Waaqi d'aamsa ufi Yahuditi d'aamate.
3
Yo worri gari ind'ugefanne ho? Maro waan kanatifi Waaqi d'uga lakisa?
4
Hiyyo, akasiiniti! Yo nami ch'ufti d'ara dubbatele, Waaqi kama d'ugaa. Akuma t'aafiini jettu: Yo atini dubbattu aka d'uga dubbattu argu malani, yo si qorani d'uga argachu malte.
5
Yo d'arti nu tolchine d'uga Waaqa agarsiifte ho? Maani jenna? Waaqi, hojja nu gaargalchu, inni nu inqajelchine jenna? (Aka namaa dubbachu jira.)
6
Hiyyo, akasiiniti. Yo Waaqi waan d'uga intolchine inni akamiini lafa qora?
7
Ammo yo d'arti tiyya d'uga Waaqa guddifte isi mullifte, maafi nama daba naani jed'ani re?
8
Yo akasi, Koota, hameenna tolchina, aka d'ugaani mullattu maafi injenne? Nami gari ya waan kana jed'e dubbi d'aratiini na himate! Worra suni aka wollaala iti muru malani inuma iti murani.
9
Yoosi, nu Yahudi worra gosa d'ibi ira goomna? Hiyyo, akasiiniti! Anini ya qara aka Yahudifi gochiti d'ibileeni jabeenna daba jala jirtu agarsiise.
10
Akuma t'aafiini jettu: Nami d'uga qabu tokoleeni injiru,
11
nami hubacha qabu injiru, nami Waaqa barbaadu injiru.
12
Nami ch'ufti ya kara iraa gore, ch'ufti ya wollaale. Nami waan dansa tolchu injiru, tokoleeni injiru.
13
Lubbuuni worraa aka awaala qotani jirti. D'arti araba worraa iraa baati, dubbini hamtuuni, ta aka had'aa bofa jirtu, afaani worraa keesaa baati.
14
Afaani worraa ya dubbi hamtuuni guutamani.
15
Kurfo jirani aka nama madeesani ijeesani.
16
Fulla deemani ch'ufati badifi gaargala ufi duubati lakisani.
17
Kara nagaya imbeekhani,
18
yokhaani Waaqa sodaachu imbaranne.
19
Nu imbeenna aka wonti Seeri jed'u ch'ufti waan worra Seera jala jiruuni jed'ani, aka malte nama ch'ufa d'owani lafa ch'ufaa qorsuma Waaqa duraani d'ufani.
20
Nami tokoleeni maro waan Seeri fed'u tolchuufi Waaqa ira d'uga inargatu: Seeri aka nami daba tolchu ch'alla nama agarsiisa.
21
Ammo ammatana d'ugaani Waaqa ya mullatte, Seera ira woma inqabdu. Seerafi raagooti ya d'ugeesani:
22
Waaqi maro Yeso Kristo d'ugefataniifi nama ch'ufa d'uga heregaafi. Waaqi nama Kristo d'ugefate ch'ufa waan kana intolcha woldabraani injirtu:
23
nami ch'ufti ya daba tolche guddinna Waaqa hanqate.
24
Ammo maro tola eeba Waaqaatiifi, kara Kristo Yeso ka nama ch'ufa baasuuni, ya d'uga hereganiifi.
25
Waaqi ya isa sorio namaa tolche, aka maro d'iiga isatiifi daba namaa araaramani. Araarama kana yo d'ugefatani argatani. Wonti Waaqi Kristo sorio tolcheefi, aka d'uga ufi agarsiisu. Duri Waaqi obse wollaala bira namaa dabre;
26
ammo ammatana inni d'uga ufi garsiisa. Kara kanaani Waaqi aka d'uga qabu ufi garsiise ammalle nama Yeso d'ugefatu ch'ufa d'uga heregaafi.
27
Wonti nu ufi guddimnuufi maani re? Injirtu! Maafi akana? Waan nami Seera gula deemuufi? Hiyyo, ammo waan inni d'ugefatuufi.
28
Nu ya agarre aka nami d'ugefacha ch'allaani d'uga Waaqa iraa argatu, Seera guutitiini woma keesa injirtu.
29
Waaqi ka Yahudi ch'alla? Inni Waaqa gosa d'ibitiniti? Inni Waaqa gosa ch'ufaati.
30
Waaqi toko ch'alla; inni maro d'ugefacha worraatiifi worra qabanqaba qabu d'uga heregaafi, akuma suni worra qabanqaba inqabatinile maro d'ugefacha worraatiifi d'uga heregaafi.
31
Nu d'ugefachaani Seera balleesina re? Hiyyo, akasiiniti! Seera jabeesina.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16