bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Peter 1
1 Peter 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Pheexroos ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra baqattoota worra biyya Pheenxoosii, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Isiya'aa fi Bitaaniyaa keessa facaatanii jiraattanii fi
2
worra akka beekkumsa Rabbii Aabbaatiin beekkamtanii filatamtan, worra Yesuus Kiristoosii ajajamu'uuf dhiiga isaatiin biifamtanii qulqullaayu'uuf Ayyaana Woyyu'uun woyyoomtaniif; Ayyaanninii fi nageenni isinii haa guddatu.
3
Du'oota keessaa ka'uu Yesuus Kiristoosiitiin abdii jiraata'aa fi hin banne ka ristii hin darbine xurii hin qabneef akka guddinna dhiifamsa ufiitiin Rabbi lammeessoo nu uumate Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu.
4
Ristiin kunillee isin worra bara dhumaa worra fayyinna hunna amantii Rabbii eeggattaniif samii isinii taa'a.
5
Isinillee fayyummaa dhuma irratti isiniif mudhatu amanti'iin hunna Rabbiitiin eeggattan;
6
Kanaan guddiftanii gammaddan. Haa ta'uu ammo worqii ibiddaan haga fedhe qoramee badu caalaa amantiin keessan kabajjamaan qorame
7
hennaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufu akka galata ulfinnaa fi jajamuu isinii ta'u amma ammo hennaa diqqo'oof qormaata gara garaatiin gadditaniirtan.
8
Amma yoo womaallee arguu baattan isatti amantanii raawwii amantii keessanii, fayyinna lubbuu teessanii akka fudhattaniin ulfinna hin dhumannee fi gammachu'uun guuttamtanii gammaddan.
10
Waan badhaadha isinii kennamuu raattonni raaga dubbatan waan fayyinna kanaa jabaatanii soqanii qoratan.
11
Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, waan rakkoo Kiristoosiitii fi Ulfinna isaan maayessa dhufu firrisee raga'aa, yoom yookaan bara attamii akka raawwatu qorata'aa turan.
12
Isaan Ayyaana Woyyuu samii gubba'aa isaanii ergameen namoonni Dubbii Nagayaa isinitti himan amma waan isinitti himan kanaan isin tajaajilan malee, akka uf hin tajaajille isaanii ife. Waan kana Maleekkonninuu arguu hawwa'aa turan.
13
Kanaafuu waan gootan marattuu qalbii teessan qopheessaa'a; worra uf qabdan ta'aa'a; hagatti jiraadhaa'a. Badhaadha Gooftaan Yesuus hennaa mudhatu isinii kennu san abdii godhadhaa'a.
14
Akka fedha ijoollee hin ajajamnee, jireenna dura wollaalaan keessa jiraattan san hin hordofinaa'a.
15
Haa ta'uu ammo, «Akkuma inni Woyyuu ta'e, isinillee woyyoota ta'aa'a» jedhamee waan barreeffameef akkuma ka isin waame woyyuu ta'e, isinillee akkasuma jireenna keessan maraanuu woyyuu ta'aa'a.
17
Rabbiin nama maraa wol hin caalchifnee fi nama maraa irratti akka hujii isaatiin itti muru, yoo ka «Aabbaa» jettanii waamtan ta'e, haga adunyaa tana irra keessummumma'aan jirtan, isa sodaata'aa jiraadhaa'a
18
Jireenna duwwaa abboota keessan irraa dhaaltaniif waan lufu birrii yookaan worqi'iin uduu hin taane, dhiiga Kiristoosii ka gatii gudda'aa ka akka dhiiga korbeessa muda'aa fi xurii hin qabneen akka furamtan hin beettan.
20
Inni uduu biyyi lafaatuu hin uumaminiin dura beekkame. Haa ta'uu ammo akka amantiin keessanii fi abdiin keessan Rabbiin irra ta'u worra du'an keessaa isa kaasee ulfinna isaa kennetti waan amantaniif bara dhumaa irratti isinitti mudhate.
22
Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuulumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.
23
Isin worri lammeessoo dhalattan fiixaa badu irraa miti. Dubbii Rabbii ka bara baraan jiraatuun fiixaa hin banne irraa dhalattan malee.
24
Kanaaf Kitaabni Woyyuun «Worri foon uffatan maruu akka margaati; ulfinni isaa maruu akka daraaraa raasa'aati; margi hin goga; daraaraanillee hin harca'a;
25
Dubbiin Goofta'aa ammo bara baraan jiraata. Dubbiin Nagayaa ka isinitti himamellee kana.»
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5