bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Peter 5
1 Peter 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa.
2
Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa'a; giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti; fedha mishaa'an malee.
3
Tooyadhaa'a; fakkeenna isaanii ta'aa'a malee, woldaa amantootaa hunnaan hin bulchinaa'a.
4
Bulchaan tissee hoolotaa hennaa dhufe badhaasa ulfinnaa ka hin banne argattan.
5
Kanaafuu ka'imman! Manguddootaa ajajamaa'a; marti keessanuu wol jaalachu'uun wol gargaara'aatii kasummaa akka uffataa uffadhaa'a. «Rabbi worra uf jaju hin morma; worra kaso'oo ammo badhaadha kenna»
6
Kanaafuu Rabbi hennaa ufiititti akka ol isin qabu harka Rabbii hunna qabeessaa jalatti gad uf deebisaa'a. Inni waan keessan waan yaaduuf.
7
Waan isin rakkisu maraa isa irratti dhiifadhaa'a.
8
Diinni keessan daabiloos akka Leenca waan nyaatu soqa'aa asii achi naannaya'aa aaduu waan ta'eef, hagatti jiraadhaa'a, dammaqaa'a.
9
Obboleeyyan keessan ka adunyaa kana irra jiran rakkinni akkanaa kun akka isaan irra gayu beekaa'a; amanti'iin cima'aa dhaabadhaa'a; daabiloosiin mormaa'a.
10
Waandhi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa inninuu guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jajjabeessa.
11
Isaaf ulfinninii fi hunni baraa haga bara baraa haa ta'u! Amiin.
12
Silwaanosii akka obboleessa amanama'aatitti laakkayu irraan dhaamsa gabaabaa kana isinii barreesseera; wonti isinii barreesseef isin gorsu'uuf; kun baadhaadha Rabbii ka dhuga'aa ta'uu isinii ragu'uuf jedheeti; badhaadha kanaan jabaadha'aa dhaabadhaa'a.
13
Woldeenni Kiristaanaa ta Baabilooniin keessatti filatamteertuuf ilmi kiyya Maarqoosillee nagaya isinii dhaamaniiran.
14
Jaalala Kiristaanumma'aa ta dhuga'aatiin wol dhungata'aa nagaya wol gaafadhaa'a. Nageenni worra Kiristoosiin keessa jiranii fi isiniillee haa ta'u! Amiin.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5