bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Lamentations 1
Lamentations 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Qachaan dur namni keessa guutee ture attamitti hojja hafte! ta banii jiddu'utti guddoo turte attamitti akka dubartii abbaa manaa ajjeefattee taate! ta godinoota keessattillee mootittii turte amma garbittii taateerti.
2
Isiin halkaniin guddiftee bootti; imimmaan isi'ii boqoo isi'ii irra yaa'a; worra isii jaalatan maraa keessaa ka isii jajjabeessu hin jiru; jaalalloon isi'ii maruu isii gananii akka diinaatitti isi'itti ka'aniiran.
3
Baay'inna rakko'ootiin dhiitamtee Yihuuda'aan booji'amtee deemte; banii ufii jidduu teette; hulee itti hara baafattu dhabde; uduu hucuucama keessa jirtu worri isii ari'ana maruu isii argatan
4
Ayyaana isi'ii kabajju'uuf ka dhufu waan hin jirreef; karaan Tsiyoonii maruu duwwaa ta'a; balballan isi'ii maraanuu ka seenuu fi ka bayu hin jiru; gadoonni isi'ii hin gaddaan; hin woyatan; durbi isaanii maruu gaddanii gaddaniiran; isiin mararo'oon dhiphatti.
5
Diintonni isi'ii bulchaa is'ii ta'aniiran; diintota isi'iitii toleera; sababaa baay'inna cubbuu isi'iitiif; Rabbi gadda guddaa isi'itti fideera. Ijoolleen isi'ii diinaan booji'amanii gara mana hidha'aa deemaniiran.
6
Intala Tsiyoonii gaachenninii fi ulfinni isii'ii maruu irraa mulqameera; abboonni si'ii ka murti'ii akka borofa hulee oolu dhabeeti; worra isii ari'an afo'oo dadhabanii dheessan.
7
Guyyoota itti rakkattee fi itti hucuucamte; Yerusaalem qabeenna dur qabdu maraa hin yaadatti; hennaa baniin isi'ii harka diinaatitti kufan ka isii gargaare eennullee hin turre; diintonni isi'ii isii laalan diiggama isi'iitittillee hin kolfan.
8
Yerusaalem cubbuu guddaa hojjatteerti; kanaafuu ta battoofte taateeti; ka isii kabajje maruu isii tuffate; akka isiin qullaa jirtu waan arganiif; isiinuu hin gugungumti; uf duuba gara galteerti.
9
Battummaan isi'ii shinshinii isi'ii irratti mudhate; waan uf afoo isii irra gayu hin yaadanne; akki isiin itti kufte ka nama naasisu ta'e; ka isii jajjabeessullee hin turre; «Yaa Rabbi! rakkinna kiyya laali diinni waan mooyateeruuf!»
10
Qabeenna isi'iititti diinni harka diriirse; Worri ati akka gara gumi'ii hin seenne dhooggite; baniin waaqa tolfamaa waaqeffatan hennaa gara mana Woyyuu isi'ii seenan argite.
11
Baniin isi'ii maruu rakkatee buddeena soqaa iyya; lubbu'uun jiraachu'uuf qabeenna isaanii kabajjamaa nyaataan jijjiiran; «Yaa Rabbi! ani waan salphadheef na yaadadhu; na argi.
12
«Isin worri karaa luftan maruu; kun isiniif womaa mitii mii? mee laalaa'a; argaa'a; waan Rabbi guyyaa lola ufii gudda'aa natti fide; waan na irra geesse; waan na irraan gaye; rakkoon akka rakkoo kiyyaa hin jiraa?
13
Ibidda gubba'aa erge; lafee kiyya keessa gada seensise; luka kiyyatti siiboo diriirse; uf duuba na deebise; guyyaa guutuu na dadhabsiisee duwwaa godhee na kaaye.
14
Cubbuun kiyya lum'a kiyyatti fe'aa ta'eera; harka isaatiin wolitti dhayaman; mormatti na fe'amee hunna kiyya dadhabsiiseera; waan ani uf irraa dhoogguu hin dandeennetti inni dabarsee na kenne.
15
«loltoota na keessa jiran maraa Rabbi hin morme; ka'imman tiyya butuchu'uuf loltoota natti waame; Rabbi intala Yihuuda'aa cuunfaa woyini'ii keessatti dhiite.
16
Wonti booyuuf sababaa waan kanniiniitiif; ijji kiyya imimmaaniin guuttameera; ka na jajjabeessu'uuf natti dhiyaate, eennullee ka hara na baafachiisu'uuf yaale hin jiru; diinni waan jabaateeruuf ijoolleen tiyya dhiphatte.»
17
Tsiyoon harka ufii badhifte; ka isii jajjabeessu hin jiru; ollaan isaa maruu akka diina itti ta'an; Rabbi Yaaqoobitti ajaja baase; Yerusaalemillee isaan jiddu'utti akka waan batti'iititti laallamte.
18
«Rabbi qajeela'a; ani garuu ajaja isaatitti diddaa uumee ture; isin baniin maruu dhagayaa'a; leelaluu kiyyallee laalaa'a; dargaggeeyyiin tiyya dhiirrinii fi dubartiinillee; booji'amanii deemaniiran.
19
«Ani goshoota tiyya hin waame, isaan garuu na ganan; gadoonni tiyyaa fi jaarsonni tiyya uduu lubbuu ufii oolfachu'uuf nyaata soqan; qachattii keessatti dhuman.
20
«Yaa Rabbi! attamitti dhiphadhe! ani uf keessatti rakkadheera; ani guddisee waan didaa ta'eef garaa kiyyaan raafameera; diidatti guraade'etu fixa; mana keessallee du'atu jira.
21
Namoonnii booya kiyya ka rakko'oo dhagayan; garuu ka na jajjabeessu hin jiru; diintonni tiyya maruu rakkoo kiyya dhagayan; waan ati gootetti hin gammadan; yabo'oo guyyattii ati itti dubbatte haa dhuftuu; isaanillee akka kiyya haa ta'anii.
22
Hammeenni isaanii maruu si afoo haa dhufuu; akkuma sababaa diintota tiyyaatiif na irratti goote; isaan irratti taasisi; booyichi kiyya ka rakko'oo baay'ateera; garaan kiyyallee dadhabeera.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5