bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Lamentations 5
Lamentations 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Yaa Rabbi! waan nu irra gaye yaadadhu; salphinna keenna laali; argi!
2
Lafti teenna worra gala'aaf; manniin keenna worra nyaaphaatiif dabarfamanii kennaman.
3
Worra maatii hin qabnee fi worra abbaa hin qabne taane; haawwonni teenna ta akka abbaa worraa hin qabnee ta'aniiran.
4
Bisaan dhunnuuf gatii kaffalla; qoraan bobeeffannullee hin bitanna.
5
Worri nu ari'an koomee keenna jala jiran; rakkanneerra; hara baafannaa dhabneerra;
6
Buddeena quufu'uuf Misirii fi Asooritti harka kennanne.
7
Abboonni teenna cubbuu hojjatanii lufan; nu'u adabbii isaanii baadhanne.
8
Garboonni nu bulchan; ka isaan harkaa bilisa nu baasu eennullee hin jiru.
9
Sababaa guraadee lafa gammoojji'ii jiruutiif lubbuu teennaan wodhaansa baanee; buddeena arganne.
10
Gogaan keenna akka sunsumaatitti gurraachate; beelaanillee gubateera.
11
Intallan Tsiyooniin keessatti; durbii teenna qachoota Yihuuda'aa keessatti salphatan.
12
Abboonni murti'ii isaan harkatti fannifaman; jaarsonnillee hin kabajjamne.
13
Dargaggeeyyii hunnaan daakuu daassifatan; ijoolleen dhiiraa qoraan baatanii gatantaran.
14
Jaarsonni balbala qachatti'iitii deemaniiran; dargaggeeyyiin faaruu ufii dhiisaniiran.
15
Gammachuun garaa keessaa nu bade; sirbi keenna booyatti jijjiirame.
16
Ulfinni nu irraa bu'eera; nu hobbaas; waan cubbuu hojjanneerruuf!
17
Sababaa kanaaf garaan keenna dadhabe; sababaa kanniiniitiif ijji teenna laaluu dadhabde.
18
Gaarran Tsiyoonii ta qullaa hafte; ta jeedallan irratti taphattu taate.
19
Waandhana; yaa Rabbi! ati baraa haga bara baraa bulchita; teessoon kee dhalootaa gara dhalootaa lufee jiraata.
20
Maaf sirima nu irraanfatta? maaf hennaa dheera'aaf nu dhiifta?
21
Yaa Rabbi! gara kee nu deebis! nullee hin deebinaa; bara keenna akka bara durii nuu haarawoomsi;
22
Yoo sirima ka nu hin gannee; yoo hagaa olitti ka nuun hin lollee.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5