bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nahum 2
Nahum 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
1
Yaa Nanawwee'e! ka balaa sitti buusu dhufeera! kanaafuu kusheewwan kee jabeeffadhu! karaa kee gugurdaa maraa eegi! mudhii kee hidhadhu! hunna kee maraa jabeeffadhu!
2
Yoma worri waa balleessan isaanii fi qabeenna isaanii balleessan Rabbi ulfinna Israa'elii ka ijoollee Yaaqoobii hin deebisa.
3
Loltoonni wontee didiimaa qabataniiran; uffata diimaa dhiilgeellee uffataniiran; inni hennaa isaan hiriirsu sibiilli gaarii fardaa hin calanqisa; worri farda yaabbatan farda irra taa'anii mimirqaanan.
4
Gaariin fardaa guddisanii fiiga'aa karaa irratti wol morkan; raasaa keessa asii fi achi gulufa'aa shawaa bobawu fakkaatan akka bakkakka'aatittillee hin fixiraman.
5
Inni worra loltoota ajajan hin waama; isaan guggufata'aa gara afo'oo dhufan; loltoonni diinaa fiiga'aa dallawa qachatti'ii irra bayan; buundhee isaaniin darbatanillee wontee ufii gudda'aan uf irraa dhooggan.
6
Balballan dallawa dhaga'aa ka qachatti'ii ka ladda lagaatiin jiru guddisanii banaman; manni mootumma'aallee guddisee raafame.
7
Nanawween hin salphatte; mootittii booji'anii fudhatan; worri intalaa ka isi'ii hojjatu laagaa gaddaa ka akka laagaa handari'ii fakkaatu dhageessisa'aa qoma ufii tuma'aa booyan.
8
Nanawween akka bisaan haro'oo ka yaa'uuti; baniin isi'iillee akka bisaan yaa'uu qachattii keessaa bayee hennaa deemu nama dhaabadhaa'a! dhaabadhaa'a! jedhu uf duuba gara galee hin laalu.
9
Qabeenni qachatti'ii dhuma hin qabu; dhagaan isi'ii kabajjamaanillee baay'atee hagaa ol ta'e; kanaafuu deema'aatii birri'ii fi worqii saama'aa fudhadhaa'a.
10
Nanawween hin badde; diiggamtee badde; onneen namaa soda'aan baqe; jilbi maruu hadoodee hollate; duddi nama maraatuu hin hollate; fuulli nama maraatuu daaraa fakkaate.
11
Qachattiin leencan keessa jiraatan, ka leencan darmiin keessatti waa nyaatan, leencan dhalaanii fi kormaan ilmoolee ufii woliin raasaa sodaa malee keessa jiraatan fakkaattu amma eessa jirti?
12
Leenci waan ilmoolee isaatii gawu dhadhoolee fida; leenca dhala'aafillee waan isiin nyaattu ajjeesee isi'ii fida; goda busaawaa dhadhooleen guute, boolla foon ciccirameen guute.
13
Nanawwee'e! ani sitti ka'eera jedha Waandhi banii maraa; ani gaarii kee ka fardaa maraa hin gubee barbadeessa; leencan kee darmiin guraade'een dhuman; lafa irratti ka ati miitu akka hin jiraanne taasisa; laagaan ergamtoota keetii ammaa achi hin dhagayamu.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3