bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nahum 3
Nahum 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Qachaa Nanawwe'ee ta worra nama ajjeesanii fi ta sirima sobduu taate worra nama saamu'uun beekkamanii fi qachaa boojuu hedduu keessa guutee hobbaasi!
2
Isii keessa laagaa shabbeenaatii fi miila akka miila korbo'oo gulufa fardaatii fi iyya gaarii fardaatitu dhagayama.
3
Worri fardaan gulufan gara afo'oo deema'aa guraadee isaanii ka ifuu fi eboo isaanii ka falaqqisu kaasan; namoonni hedduu waan du'aniif reeffi wol irratti tuulameera; sababaa reeffi baay'ateef namni karaa saniin lufu maruu hin gufata.
4
Sababaan wonti kun ta'eef seebara seebartittii daangaa hin qabneetiif; isiin haadha mita hojjattu ta bareeddinna ufiitiin nama sobdu; mootota seebaraan, banii mora'aafii boojiti.
5
Waandhi banii maraa akkana jedha, «Ani sitti ka'eera; shinshinii kee si irraa mulqee fuulatti si uwwisa; baniin qullaa ta'uu kee mootonnillee salphinna kee hin argan.
6
Ani hulee fishaa itti gatan si taasisa; ani ija tuffi'iitiin si laala; namni maruu akka sitti baldu taasisa.
7
Namni si arge maruu saalfatee ‹Nanawween diiggamtee waan ona taateef, eentu isi'ii naya?› jedha; ka isii jajjabeessu ani eessaa isi'ii arga?»
8
Nanawwee'e! ati qachaa biyya Misirii ta Teebis jedhamtu akkuma ati bisaan waa si irraa ittisu qabdu ta laga Abbaayii bira jirtu, ta naannoon isi'ii bisaaniin marfamee fi bisaan galaanaa ka waa isii irraa ittisu caaltaa?
9
Hunni isi'ii ka daangaa hin qabne biyya Misiriitii fi biyya Itoophiya'aa keessaa dhufa; namoonni Fuuxiitii fi Liibiya'aa worra isii gargaaran turan.
10
Kun maruu ta'ee qachaa Teebisii diintonni isi'ii qabatanii banii isi'ii booji'aniiran; daa'imman isi'ii dhaga'aan bubburussanii karaa maraa irrattuu kuffisaniiran; isaan worra gugurdaa isi'ii irratti hixaa buufataniiran; bulchoota isi'ii haada sibiilaatiin hidhan.
11
Nanawwee'e! hennaan ati akka nama machaayee gatantaruu taatuu fi diintota kee jalaa dheessitee hulee itti dhokattu soqattu hin dhufa.
12
Kusheewwan kee maruu muka hurbu'uu ka dura gayee daraaraa baadhate ta'an; inni hennaa socho'ee daraaraan isa irraa harca'e afaan nama isa nyaatuu keessa bu'a.
13
Loltoonni tee maruu akka intalaa sodaattuu ta'aniiran; balballan daangaa keetii diintota keetii banamaniiran; loosaawwan ibiddatu gubeera;
14
Diintonni tee hennaa marsanii si rakkisan bisaan dhuddu woraabii kaayadhu! kusheewwan kee jabeeffadhu; dhoqqee faaraan hojjatan dhiitii qopheessii faara dhayi.
15
Ati ibiddaan gubatta; baniin keellee lolaan dhumatuu hin oolan; akka midhaan tuunni awwaannisaa nyaateetitti bada; kanaafuu isin akka awwaannisaatii fi akka siqo'ootitti baay'adhaa'a.
16
Daldaltoonni tee urjii sami'ii caalaa baay'ataniiran; ammo akka awwaannisaa lafa dheedanii barbadeessanii bararanii lixan.
17
Worri si eegan akka korophiisaa, worri kee ka baallii qaban akka tuuta awwaannisa ka hennaa qorraa dallawa irratti quphatuuti; hennaa aduun baye bararanii lixan; garam akka lixa'aaran ka beeku hin jiru.
18
Mootii Asoorii! worri si eegan rafaniiran; worri gugurdaan muganiiran; baniin kee gaarran irra bittinnaayaniiran; ka wolitti isaan qabu hin jiru.
19
Ati akka hamaa waan madoofteef ka madaa kee fayyisuu danda'u hin jiru; hujii kee ka gar jabeennaa ka dhuma hin qabne jalaa dheessee baye waan hin jirreef worri waan kee dhagayan maruu kufa keetitti harka dhayan.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3