bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Revelation 20
Revelation 20
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 21 →
1
Kanaan duubatti furittuu boolla gadi fogo'ootii fi birbiraata guddaa maleyikkaan harka isaa titti qabatee jiru, sami'ii yoo bu'u ni arge,
2
Xaricha'llee qabee woggaa kumaa ni hidheen, xaraan kun'llee daabiloos yookiin sheexana ka jedhamu, bofa duraaniiti,
3
Woggaan kumaa haga raawwatamutti ummatoota akka hin dogoggorssineef, maleyikkichi xaricha gara boolla gadi fago'oo titti ni gateen, itti cufee'llee caapha'aan ni chaaphesseen, kanaan duubatti yeroo muraasaaf hiikkamuun ni malaan.
4
Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an.
5
Du'oonni hafan garuu haga woggaan kumaa raawwatamutti du'aa hin muldhanne, kun'llee du'aa ka'iinssa jalaqabaati,
6
Du'aa ka'iinssa jalaqabaa titti qoodamtoota ka ta'an ka galateeffamanii fi Qulqullaawomota, duuti lammaffa'aa isaan irratti aangoo hin qabu, isaan'llee qeesota Waaqaatii fi Kristosii ni ta'an, Kristosiin woliin'llee woggaa kuma ni mootoman.
7
Woggaan kumaa eega raawwateen duubatti Sheexanni hidhaanaa isaatii gadi ni dhiifama,
8
ummatoonni arddii mara irratti arigaman jechu'uun, Googii fi Mangoogiin dogoggorssiisu'uu fi woraanaaf'llee hirmaachissu'uuf ni baya, laakkofssi isaanii'llee akka cirracha garba ciisaa biratti,
9
isaan'llee gara arddi'ii mara bittinnaayanii ganda Qulqullootaatii fi magaalaa jalatamttuu ni marssan, garuu ibiddi sami'ii bu'ee gubu'uun isaan ni balleesse.
10
Ka isaan dogoggorssiise daabiloos, bineenissichii fi nabiyyichi dharaa gara jiran, dinni'iin ka gubatu ibidda garba ciisa'aa keessatti ni gataman, achitti'llee halkanii fi guyya baraa haga baraa titti, ni makkaraaran.
11
Kanaan duubatti teessoo adii ol aana'aa fi teessoo irra ka taa'ee jiru'llee ni arge, arddi'ii fi samiin durana isaatii ni dheessan, bakkeen'llee isaaniif hin argaminne.
12
Maandhotaa fi du'oota hangaffan'llee teessoo isaa durana dhaabatanii isaan ni arge, kitaabban'llee ni banaman, kitaaba jireennaa ka ta'e kitaabnni biraa'llee ni baname, du'oon'llee akkaataa hujii isaanii ka kitaabban keessatti barreeffamee argameetiin murtii ni fudhatan,
13
garbi ciisaan'llee worra du'an ka isa keessatti argaman ni kenne, du'aa fi siooli'llee worra du'an ka isaan keessa turan ni kennan, tokko tokkoon namaa'llee akkaatama hujii isaatiin murtii ni fudhate.
14
Du'aa fi siooli'llee gara garba ibiddaa titti ni gataman, garbi Ibiddaa kun'llee, du'a lammaffa'aat,
15
Ka maqaan isaa kitaaba jireennaa irratti barreeffamee hin argamin marrinuu, gara garba ibiddaa titti ni gatame.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22