bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Thessalonians 1
1 Thessalonians 1
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
1 Phaawuloos, Siliwaanosii fi Ximootewoosiin biraa: Woldaa Kiristaanaa, ta Rabbi Abba'aatii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii taate, worra Tasolonqee keessa jiraataniif, Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isiiniif haata'u.
2
Hennaa faateffannu waan keessan yoo yaannu, hujii amantaa keessanii, dadhabbii jaalala keessanii, abdii Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin waan jabaattaniif Abbaa keennaa fi Waaqa keenna afo'otti yaada'aati uduu addaan hin kunne hennaa maraa Rabbii keenna sababa keessan maraatiif hin galateeffanna.
4
Obboleeyyan tiyya, akka Rabbiin jaalatamtanii fi filatamtan waan beenneef.
5
Oduun Nagayaa ka isinii lallabne hunnaa fi Ayyaana Woyyu'uun hubbannaa hedduun malee, dubbii calla'aan gara keessan waan hin dhufneef, isin biratti waan keessaniif attamitti akka jiraanne hin beettan.
6
Isinillee akkasuma dubbii Rabbii rakkoo hedduun gammachuu Ayyaana Woyyu'uu woliin fudhattanii worra nu'uuf Gooftaa fakkaatu taataniirtan.
7
Kanaafuu amantoota Maqedooniya'aa fi Akaayiyaa jiran maraafuu fakkeenna isaanii taataniirtan.
8
Dubbiin Rabbii isin biraa bayee Maqedooniya'aa fi Akaayiyaa calla'aati waan hin dhagayamneef, haata'uu ammoo haga womaa dubbachuu hin barbaachifnetti, amantaan isin Rabbiin irratti qabdan hulee marattuu odeeffameera.
9
Isaanuu gara keessan dhufnee attamitti akka jiraanne, waan keenna waan dubbataniif, Waaqa jiraata'aa fi ka dhuga'aa akka tajaajiltan, Ilma ufii ka du'a keessaa kaase, Yesuusii lola dhufu jalaa nu hambisu, samii irraa akka eeddan waaqota tolfamaa irraa gara Rabbiititti attamitti akka deebitan isaanuu hin ragan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5