bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Thessalonians 5
1 Thessalonians 5
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Obboleeyyan tiyya! Waan baraatii fi waan ji'ootaa womaa isinii barreessu isin hin barbaachisu.
2
Guyyaan Goofta'aa akka hatuun halkanniin dhuftu akkasuma akka dhufu isinuu sirri'itti beettaniirtan.
3
Nagayaa fi fayyinna uduu jedhan hennaa san akkuma dubartiin ulfaa ciniinsifattu, badiin tasuma isaanitti dhufti. Sirima jalaa hin bayan.
4
Isin ammoo obboleeyyan tiyya, guyyaan akka hattu'uu akka isinirra hin geenne, isin dukkana keessa hin jirtan.
5
Isin maruu ilmaan guyya'aatii fi ilmaan ifaati, nu worra halkanii yookiin dukkanaatii miti.
6
Eeganaa haa damandhuu; hagati haa jiraannuu malee, akka kaawwanii hin rafnu.
7
Worri rafu halkanniin rafa; worri machaayullee halkanniin machaayan.
8
Nu ammo worra ifaa waan taaneef, amanta'aa fi jaalala akka guloo sibiilaatitti uffannee hagati haa jiraanuu.
9
Rabbi dheekkamsaaf nu hin file. Fayyinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii haa arganu'uuf malee.
10
Yoo jiraannellee yookiin yoo duunellee isa woliin lubbu'uun akka jiraannu nuuf jedhee du'e.
11
Kanaaf isinillee akkasuma akkuma amma gootan woliin mari'adhaa'a; kuun kaan haa jajjabeessuu.
12
Obboleeyyan tiyya! Worra isin wodhakka'atti hujii Goofta'aatiin dadhaban, worra isin bulchaanii fi isin gorsan waan hujii Goofta'aatii fi hagaa olitti akka isaan kabajjitan isin kadhanna. Isin wolii nagaya qabaadhaa'a.
14
Obboleeyyan tiyya! Isin gorsinaa, worra seera malee deeman gorsaa'a, worra hin uggine jajjabeessaa'a, dadhabdootallee gargaaraa'a, namoota maraayyuu obsaa'a.
15
Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haata'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a.
16
Hennaa maraa gammadaa'a;
17
Uduu addaan hin kunne faateffadhaa'a; waan maraafuu galateeffadhaa'a. Wonti Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin irraa barbaadu kana.
19
Ayyaana Woyyuu hin ukkaamsinaa'a.
20
Raaga hin tuffatinaa'a, maraa qora'aa, mishaa qabadhaa'a.
22
Waan hamaa kamiin irraallee fagaadhaa'a.
23
Waandhi nagayaa qaama keessan hooma'aa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.
24
Ka isin waame amanama'a; innillee akkasuma kana hin taasisa.
25
Obboleeyyan tiyya! Nuufillee faateffadhaa'a.
26
Dhungoo woyyu'uun obboleeyyan maraa nagaya gaafadhaa'a.
27
Eergaan kun obboleeyyan woyyoota maraafuu akka dubbifamu Goofta'aan isin woga.
28
Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin haata'u! Amiin!
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5