bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 Timothy 3
2 Timothy 3
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
1
Haata'uu ammoo bara dhumaa guyyaan nama dhiphisu akka dhufu beeki.
2
Namoonni worra uf jaalatu, worra horii jaalatu, worra uf saadu, worra uf jajan, worra nama arrabsan, worra maatii ufiitiif hin ajajamne,
3
Worra hin galateeffanne, worra woyyummaa hin qabne, worra jaalala hin qabne, worra araaramuu hin jaalanne, hamattoota, gar-jabeeyyii, worra uf hin qabne,
4
Worra waan mishaa hin jaalanne, gantoota, jarjartoota worra uf jaju'uun bokokan, Worra Rabbiin gammachiisuu irra, uf gammachiisuu jaalatan ta'an.
5
Bifa Waaqa kaddaamu'uu hin qaban, hunna isaa ammoo gananiiran. Worra akkasii irraa fagaadhu.
6
Worri akkanaa kunniin dhokata'aa gara mana namootaa seena'aa, hinaaffaa, worra cubbuun isaan irratti tuulame, worra dharraa adda addaatiin fudhataman sirima dubartoota gowwaa dhugaa beekuu bira gayuu hin dandenne, worri boojii'an worra akkanaa kanniin.
8
Akkuma Iyyaanse'ee fi Iyyaaberes Muusee morman, akkasuma kunniinillee worra sammu'uuf qalbiin isaanii jalaa bade, worra amantaa irraa badan ta'anii dhugaa morman.
9
Haata'uu ammoo gowwummaan isaanii akkasuma ifa ta'ee, marattuu waan mudhatuuf ka duraa caalaa isaanii hin qajeelu.
10
Ati ammoo barumsa kiyya, jireenna kiyya,
11
Yaada, amantaa, obsa, jaalala, jabaachuu, baqachuu, rakkinna kiyya faanaallee deemteerta. Antsookiyaa, Iqiniyoonii fi Lisxiira'atti waan narra gayee obseef waan baqa kiyyallee hin beetta. Gooftaan waa mara jalaa na hambise.
12
Dhuga'aan worri Yesuus Kiristoosiin keessatti Rabbiin fakkaata'aa jiraatuu jaalatan martinuu hin reebaman.
13
Haata'uu ammoo namoonni hammeeyyiinii fi sobduun worri dogoggoranii dogoggorsan, waan hammeennaatitti jabaata'aa deeman.
14
Ati ammoo dubbii barattee fi hubatteen jabaadhuu jiraadhu. Eennuun irraa akka baratte waan beettuuf.
15
Daa'imummaa kee irraa jalqabdee kitaabbillee woyyuu Yesuus Kiristoositti amanu'uun ogumma'aa fi fayyinna sii kennuu danda'an beetteerta.
16
Namni Rabbii qajeela'aa fi hujii mishaa maraaf ka qophaaye akka ta'u,
17
Kitaabni Ayyaanni Rabbii keessa jiru martinuu, barumsaaf, gorsa, onnee namaa qajeelchu'uuf gorsa karaa qajeellumma'aa maraafuu hin fayyada.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4