bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
James 3
James 3
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
1
Obboleeyyan tiyya! Marti keessan barsiisota hin ta'inaa'a. Worri akkasii murtii caalu akka argatu waan beettaniif.
2
Nu martinuu waan hedduun hin dogoggora; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggore, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.
3
Akka faradoonni nuu ajajamtuuf lugaama afaan isaaniititti goonee, gara feene geessina.
4
Akkasuma markaboonni hagamillee guddaa ta'anii, qilleensaan yoo oofamanillee namichi oofu gara ufii fedhe ooftu'uun markaba baayi'ee diqqo'oon gara ufii fedhe oofa.
5
Akkasuma arrabni waan diqqoo ta'ee uduu jiru waan gudda'atti dhaadata. Ibiddi diqqoon bosona guddaa attamii gubidi.
6
Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jidu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessa; foon maraa hin xureessa; deemsa jireenna keennaa maraa hin guba; Ibidda asaabaatittillee hin gubata.
7
Busaayaa, simbirroonni, worri sossochoo'anii fi galaana keessa jiraatan, gosoonni uumamaa maruu namaan leenji'aman.
8
Haata'uu ammoo eennullee arraba ufii leenjisuu hin danda'u. Hadhaa nama ajjeessuun guutamee fi hamaa gara hin qabne.
9
Isumaan Aabba'aa fi Gooftaallee eebbifna. Isumaan namoota fakkeenna Rabbiitiin uumamanillee abaarra.
10
Afaanuma tokko keessa eebbinii fi abaarsi baya. Obboleeyyan tiyya! kun garuu ta'uun hin barbaachisu.
11
Burqaan tokko bisaan mi'aayuu fi bisaan haadhayu hin burqisiisaa?
12
Obboleeyyan tiyya! munni hurbu'uu ejersa yookiin woyiniin hurbuu daraaruu hin dandeettii? Bisaan sooqiddaa keessaa bisaan mi'aayaan hin bayu.
13
Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennuu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu.
14
Hadhaan hinaaffa'aa fi wol qooduun garaa keessan keessa yoo jiraate, kanaan uf hin jajinaa'a. Dhugaa malee soba hin dubbatinaa'a.
15
Ogummaan akkasii sun ka lafaati, ka fooniiti, ka seexanaati malee ka samii irraa dhufuu miti.
16
Bakka hinaaffa'aa fi uf jaalachuun jiru san boorreessa'aa fi hujiin hamaan waan jiruuf.
17
Ogummaan Rabbiin irraa ammoo woyyitti'i, araaramtu'u. Gara-laafettii ta maarre jettu, ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte, ta mami'ii fi ta uf tuuluulee hin qabne.
18
Daraaraan qajeellumma'aa namoota nagaya buusaniin facaafama.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5