bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
James 4
James 4
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
1
Woranninii fi lolli eessaa isin bira dhufani? woraana halcha qaama keessan woraanu irraa mii?
2
Hin hawwitan isinii hin ta'u, hin ajjeeftan, jabeesitaniillee hin barbaadan, garuu argachuu hin dandeetan; wol loltan wol worantanille'e.
3
Isin waan argatan san hawwii foon keessanii guutachu'uuf jettanii dharaan waan kadhataniif hin argattan.
4
Seebartoota adunyaa jaalachuun Rabbiin wol loluu akka ta'e, hin beettanii? Eegasuu ka biyya lafaatiin goshoo ta'uu fedhu maruu diina Rabbii ta'eera. Namni jaalalloo adunya'aa ta'u maruu diina Rabbii ta'eera.
5
Moo ka kitaabni, «Hafuurri nu keessa hinaaffa'aan hawwa» jedhu sun waan akkanumaan dubbate seetanii? Haata'uu ammoo badhaadhummaa caalu kenna. Waan akkanumaan dubbate seetanii?
6
Badhaadha guddisee kenna; kanaafuu Rabbi worra uf jajuun hin morma; worra kaso'oo fi ammo badhaadha isaanii kenna.
7
Eegasuu Rabbiif ajajamaa'a, daabiloosiin mormaa'a; innillee isin irraa dheessa.
8
Gara Rabbii dhiyaadhaa'a, innillee gara keessan dhiyaataa. Isin cubbamoota harka keessan qulqulleessaa'a. Isinillee worri yaada lama qabdan garaa keessan qulqulleessaa'a
9
Cinqama'a, gadda'a, booya'a kolfi keessan gara gaddaa, gammachuun keessanillee gara gadda haa jijjiiramuu.
10
Gooftaa afo'otti mataa keessan gadi uf qabaa'a. Innillee ol isin qabaa.
11
Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee, nama seera hujii irra oolchuu miti.
12
Ka seera kennuuf ka murteessu tokko. Innillee ka fayyisu'uuf ka balleessuu danda'u. Ati eennu ka nama biraatitti murteesitu?
13
Ammallee, «Adha yookiin boru gara qachaa sanii deemnee woggaa tokko achi jiraanna. Daldalannee bu'aa buufanna» worri jettan, asi laalaa'a!
14
Isin waan boru ta'u waan hin beenneef, jiruun keessan maali'ii? Isin akka hurrii hennaa diqqoo mudhatee baduu ti.
15
Bikka san, «Yoo Gooftaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san goona» jechuu barbaachisa.
16
Amma ammoo isin boontanii uf jajjan. Uf jajuun akkasii martinuu hama'a.
17
Eegasuu waan mishaa beeka'aa nama hin gooneef cubbu'u.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5