bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
1 Chronicles 19
1 Chronicles 19
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 20 →
1
Yennaa diqqo'oon duuba mootichi Amoonotaa Nahaashi duunaan, ilmi isaa addee isaatitti mootii te'e.
2
Daawiti, «Abbaan Hanuunii Nahaashi waan dansaa waan naa godheef, anille ilma isaa Hanuuniif waan dansaa hin godha» jedhee, sababa du'a abbaa isaatiif akka isa jajjabeessanuuf namoota itti erge. Namooti Daawiti erge sun Hanuun jajjabeessiisaaf gara biyya Amoonii yennaa dhufane,
3
qondaaltoti Amoonotaa mooticha Hanuuniin, «Daawiti namoota ergee si jajjabeessiisaan abbaa keetiif ulfinna kennaara seetaa? Namooti isaa biyya qorqoranee, mootummaa teeti garagalchiisaaf, lafa dooyiisaaf dhufanee motii ree?» jedhane.
4
Maarre Hanuun namoota Daawiti erge san qabee, areeda irraa haadee, woyaa isaanii mudaamuddi'itti irraa muree isaan ari'e.
5
Namooti dhaqanee marroo namoota sanii Daawititti yennaa himane, namooti ergamane sun guddoo waan qaanowaneeranuuf, haga areedi isaanii latee guddatutti Yerikoo akka turanuu fi achiin duuba akka deebi'anu namoota isaanitti erge.
6
Hanuunii fi worri Amoonotaa akka Daawiti isaan jibbe yennaa hubatane Aaram Naharaayim, Aaram Ma'akaa fi Zobaa irraa garreettaa fardaan harkifamuu fi worra garreettaa fardaan harkifamu oofu kireeffatiisaaf meetii gara kiiloogiraama kuma soddomii afurii ergane.
7
Isaan meetii saniin garreettaa fardaan harkifamu kuma soddomii lamaa fi worra garreettaa fardaan harkifamu oofu, akkasuma mooticha Ma'aka'aa fi loltoota isaa kireeffatane; isaan dhufanee Medebaa bira qubatane; worri Amoonotaa ammoo, qachoota ifii keessaa bayanee wolitti qabamanee lolaaf qophowane.
8
Daawiti tana dhage'ee, Yo'aabii fi loltoota gootota mara erge.
9
Worri Amoonotaa gad itti bayanee seensuma qacha'aa duratti lolaaf qophowane; moototi isaan qarqaariisaaf dhufanelle qofuu diida keessatti addee qabatane.
10
Yo'aab duraa fi duuba isaatiin woraanni akka isa marseeru yennaa dhagge, loltoota Israa'elii keessaa loltoota gootota filee, worra Aaramii akka lolanuuf erge.
11
Worra hafane obboleessi isaa Abiishaayi akka ajaju godhe; isaan Amoonota loliisaaf qophowane.
12
Yo'aab, «Worri Aaramii yoo natti jabaate, ati na qarqaarta; worri Amoonotaa yoo sitti jabaate ammoo ani si qarqaara.
13
Jabaadha'a! Kolbaa teennaa fi qachoota Waaqa keennaatiifille jabaannee lolluu ti. Mootiin Waan Maraa waan isa duratti dansaa te'e hin huja» jedhe.
14
Achiin duuba Yo'aabii fi loltooti isaa worra Aaramii loliisaaf duulane; worri Aaramii isaan duraa baqatane.
15
Worri Aaramii akka baqatane worri Amoonotaa yennaa dhage'ane, isaanille obboleessa Yo'aabii Abiishaayi duraa baqatanee, gara qachaa ifii deebi'anee seenane. Achiin duuba Ya'aab gara Yerusaalemii deebi'e.
16
Worri Aaramii Israa'elootaan akka injifatamane yennaa dhaggane, namoota erganee worra Aaramii ka laga Efraaxiisiitiin gama jiranu waammatane; Ajajaan loltoota Hadaad-Ezerii Shofaak isaan sooresse.
17
Daawiti tana yennaa dhage'e, loltoota Israa'elii mara wolitti qabatee Yordaanosiin gamatti bu'ee, gara isaanii dhaqee loltoota ifii fuullee isaaniititti lolaaf qopheesse; Worri Aaramii isa lolane.
18
Te'uu malee, worri Aaramii Israa'eloota duraa baqatane; Daawiti worra Aaramii ka garreettaa fardaan harkifamu oofanu kuma torba, loltoota miilaa kuma afurtama ijjeese. Inni ajajaa loltoota isaanii Shofaakille ijjeese.
19
Worri Hadaad-Ezer jala jiranu Israa'elootaan akka injifatamane yennaa dhaggane, Daawiti araara gaafatanee isaan bulane. Yennaa sanii jalqabanee worri Aaramii Amoonota qarqaariisatti hin deebine.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29