bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Samuel 4
2 Samuel 4
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 5 →
1
Abneer qachaa Kebroonii keessatti akka ijjeefame ilmi Saa'olii Ish-bosheet yennaa dhage'e, nayee harki irraa bu'e; kolbaan Israa'eliille martinuu guddoo rifatte.
2
Ilmi Saa'olii Ish-bosheet ajajjoota loltootaa namootaa lama qabaayyu; maqaan tokkoo Ba'ana'a, ta kaanii Rekaab; isaan gosa Beniyaaminii keessaa ilmaan Rimoonii nama qachaa Berootii ti; Berooti kutaa Beniyaaminiititti laakkowanti.
3
Kolbaan Berootii gara Giitaayimii baqattee haga adhaa alagaa teetee achi leeti.
4
Ilmi Saa'olii Yonaataan ilma miila lamaanuu laashowe tokko qabaayyu; yennaa Saa'olii fi Yonaataan ijjeefamanu inni nama woggaa shanii ti; oduun isaan ijjeefamane Yizre'el keessatti yennaa dhage'antu ta isa guddittu isa ba'attee ariiti'iin adoo baqattuu inni isii irraa bu'ee laashowe. Maqaan isaalle Mefii-Boshet.
5
Ilmaan Rimoonii nama biyya Berootii Rekaabii fi Ba'anaan gara mana Ish-Bosheetii dhaqiisaaf ka'anee, inni saafowa foorfatiisaaf taqee irraa irkatee adoo jiruu, yennaa aduun o'itu san achi geyane;
6
akka nama qamadii barbaadataaruu gara manaa seenanee gadhaa isaa woraanane; achiin duuba Rekaabii fi obboleessi isaa Ba'anaan laana bayanee deemane.
7
Isaan Ish-bosheet kolloo ifii keessa taqee irraa adoo irkatee jiruu seenane; isaan isa woraananee ijjeesaneen duuba mataa isaa muranee fudhatanee halkan guutuu karaa Arabaayii deemane.
8
Mataa Ish-Bosheetii san Kebroonitti gara Daawitii mootichaa fidanee, «Mataan diina keeti Ish-Bosheetii ilma Saa'olii ka si ijjeesiisaaf barbaadee kunoo ti; guyyaa adhaa Mootiin Waan Maraa si goottaa mooticha keennaaf, Saa'olii fi sanyii isaatiifille haluu bayeera» jedhane.
9
Daawitille ilmaan Rimoonii nama biyya Berootii Rekaabii fi obboleessa isaa Ba'ana'aan, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka rakkoo mara jalaa na baasee,
10
akka waan oduu dansaa natti himee, nama, ‹Saa'ol du'eera› jedhee natti hime, ani isa qabee Siiqlaagitti ijjeese; oduu inni natti himeef badhaasi ani isaaf kenne kana.
11
Eegasuu, nama yakkaa hin qanne ka manuma ifii keessa taqee ifii irra irkate san, worra hamoolee isa ijjeesane san ani attam irra caalaa adabuu dhaba ree? Ani dhiiga isaa harka keessan keessaa barbaadee lafa irraa isin hin balleessuu ree?» jedhe.
12
Maarre Daawiti namoota ifii ajajee, isaanille isaan ijjeesanee harkaa fi miila isaanii muranee, reeffa isaanii baleessa Kebroon bira jiru biratti fannisane; mataa Ish-Bosheetii ammoo fuudhanee qachaa Kebroonii keessatti addee awwaala Abneerii biratti awwaalane.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24