bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Samuel 9
2 Samuel 9
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 10 →
1
Daawiti, «Marroo Yonaataaniitiif jedhee ka ani waan dansaa godhuufii dande'u, sanyii Saa'olii keessaa nami hafe hin jiraataa laati?» jedhee gaafate.
2
Maatii Saa'olii keessa tajaajilaan, «Ziibaa» jedhamu tokko waan jiruuf, akka inni gara Daawitii dhaqu isa waamane; mootichille, nami «Ziibaa» jedhamu si'ii? jedhee isa gaafate. Innille, «Eeti'i ana tajaajilaa keeti» jedhee deebise.
3
Mootichi, «Arjummaa Waaqaa akka ani itti mudhisuuf sanyii Saa'olii keessaa nami hafe hin jiruu?» jedhee gaafate; Ziibaan deebisee, «Ilmi Yonaataanii ka miila naafateeru tokko jira» jedhe.
4
Mootichille, «Inni amma eessa jira?» jedhee gaafate. Ziibaan deebisee, «Inni qachaa, ‹Lodebaar› jedhamu keessa mana Maakiirii ilma Amii'elii keessa jira» jedhe.
5
Maarre mootichi Daawiti qachaa, «Lodebaar» jedhamu keessaa mana Maakiirii ilma Amii'elii keessaa Mefii-Bosheet akka fidanu godhe.
6
Akaakoon Saa'olii ilmi Yonaataanii Mefii-Bosheet gara Daawitii dhufee, ulfinna isaatiif gad lafatti gombifamee nageya fuudhe; Daawitille, «Mefii-Bosheet» jedhee waame; innille, «Kunoo ani tajaajilaan keeti» jedheen.
7
Daawiti deebisee, «Hin sodaatin! Marroo abbaa keetii Yonaataaniitiif jedhee ani dhugumaan si'iif waan dansaa hin godha; lafa akaakoo keeti Saa'olii mara si'iif hin deebisa; yennaa mara qorii tiyya keessaa hin nyaatta» jedheen.
8
Mefii-Bosheet gad lafatti gombifamee, «Ana nama akka saree duuteetitti laakkowamuuf, ta ati waan dansaa akkasii gootuuf, ani tajaajilaan keeti eennu inni?» jedhe.
9
Achiin duuba mootichi tajaajilaa Saa'olii Ziibaa waamee, «Ani waan qabeenna Saa'oliitii fi maatii isaa te'e mara Mefii-Bosheetii akkaakoo goottaa keetii Saa'oliitiif kenneera.
10
Ati, ilmaan teetii fi tajaajiltooti teeti akaakoon goottaa keetii waan nyaatu akka dhaggatu lafa isaaf qota'aatii midhaan isaaf galcha'a! Akaakoon goottaa keetii Mefii-Bosheet ammoo yennaa mara qorii tiyya keessaa nyaata» jedhe; Ziibaan ilmaan kudhanii shanii fi tajaajiltoota diddama qabaayyu.
11
Achiin duuba Ziibaan mootichaan, «Waan goottaan kiyya mootichi tajaajilaa ifii ajaje mara, ani tajaajilaan keeti hin huja» jedhe; maarre Mefii-Besheet akkuma ilmaan mootichaa qorii Daawitii keessaa nyaataayyu.
12
Mefii-Bosheet ilma dargaggeessa, «Miikaa» jedhamu tokko qabaayyu; namooti maatii Ziibaa keessa jiranu marti tajaajiltoota Mefii-Bosheetii te'ane.
13
Mefii-Bosheet yennaa mara qorii mootichaa keessaa waan nyaatuuf, Yerusaalem keessa le'aayyu; inni miila lamaanuu naafa.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24