bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Hebrews 1
Hebrews 1
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
1
Bara durii Waaqi karaa adda addaatiin, yennaa hedduu karaa raagotaatiin abbootii teennatti dubbateera.
2
Ammaa ammoo bara duubaa kanatti karaa Ilma ifii ka waan mara akka dhaalu godheetiin nutti dubbate; biyya lafaa duudiille isumaan dade.
3
Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe'e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba'atti midda Waaqa hunnaamessaa tee'eera.
4
Maqaan Waaqi isaaf kenne maqaa ergantoota Waaqaa ka caalu akkuma te'e, Ilmi Waaqaa ergantoota Waaqaa caala.
5
Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera» yookiin eennuun, «Ani isaaf Abbaa hin te'a, innille Ilma naaf hin te'a» jedhee beeka?
6
Waaqi yennaa Ilma ifii angaficha gara biyya lafaa erge, «Ergantooti Waaqaa martinuu isaaf sagadanuu ti» jedhe.
7
Ammoo yennaa marroo ergantoota ifii dubbatu, «Ergantoota ifii qilleensa, tajaajiltoota ifiille bobe'a ibiddaa hin godha» jedhe.
8
Marroo Ilmaa ammoo, «Ee Waaqa, barcumaan mootummaa keetii bara baraa haga bara baraa hin jiraata; mootummaa teetille sirri'itti hin bulchita.
9
Ati balchummaa jaalatee yakkaa jibbite; tanaaf Waaqi keeti si filatee, muudaa gammachiisuun hari'oota teeti caalaa si muude» jedhe.
10
Akkasuma, «Gootta'a, ati jalqabatti hundee lafaa hundeessite; ol gubbaan marti hujii harka keetii ti.
11
Isaan hin badan; ati ammoo hin jiraatta; isaan martinuu akka woya'aa hin dullooman.
12
Ati akka bullukko'oo isaan hin marta; isaaniille akka woya'aa hin jijjiiraman. Ati ammoo yennaa mara sanuma; woggooti keetille dhuma hin qabanu» jedhe.
13
Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, «Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala godhutti midda kiyyatti tee'i!» jedhee beeka?
14
Maarre, ergantooti Waaqaa martinuu ayyaanota worra fayyu tajaajiliisaaf ergamanu, tajaajiltoota Waaqaatii motii ree?
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13