bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Hebrews 8
Hebrews 8
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
1
Yoona waan dubbannu keessaa wonni guddaan, «Nuuti Hayyicha Guddaa ol-gubba'atti midda barcumaa mootummaa Waaqa ol-aana'aatitti te'eeru qanna» ka jedhu.
2
Inni addee woyyittii dunkaanii dhugittii teete, keessatti tajaajila; dunkaaniin tun harka namaatiin adoo hin te'in Gootta'aan dhaabbante.
3
Hayyooti gugurdoon martinuu, kennansaa fi woreega dhiyeessiisaaf muudaman; tanaaf hayyichi kun waan dhiyeessu qabaatiisa barbaachisa.
4
Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle'e hayyuu hin te'uuyyu.
5
Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka'e Waaqi, «Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!» jedheen.
6
Amma ammoo, gondooroon Yesuus wodhakkaa namaatii fi Waaqaa itti te'e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma Gondooroo Qaraa caaltu, tajaajilli isaaf kennamelle caala'a.
7
Gondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso'oo sila hin barbaachittuuyyu.
8
Waaqi kolbaa ifii irratti balleessaa dhaggee, «‹Kunoo, guyyaan ani kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa woliin, gondooroo haareya gondooru hin dhufa› jedha Goottaan.
9
‹Gondooroon tun, ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase, abbootii isaanii woliin gondooreetii moti; waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiniif, anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine› jedha Goottaan.
10
‹Yennaa saniin duuba, kolbaa Israa'elii woliin gondooroon ani gondooru, Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya; gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa. Ani isaaniif Waaqa hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an; ta jettu› jedha Goottaan.
11
‹Nami tokkolle ollaa ifiitiin yookiin obboleessa ifiitiin, Goottaa beeki! Jedhee hin barsiisu; diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu na beekan.
12
Yakkaa isaaniille isaaniif hin araarama, cubbuu isaaniille haganaa achi hin qaabadhu› jedheera» jedhe.
13
Yoona Waaqi, «Gondooroo haareya» jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu'u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13