bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Hebrews 5
Hebrews 5
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
1
Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba'aa bu'ee kennansaa fi woreega cubbu'uu dhikeessiisaaf muudama.
2
Inni ifiifuu dadhabbii akkasii waan qabuuf, worra wollaala'aa fi worra karaa irraa bade gadhi-laafumma'aan ilaaliisaaf hin dande'a.
3
Inninuu dadhabbii waan qabuuf, akkuma cubbuu kolba'aatiif dhikeessu, cubbuu ifiitille'eef woreega dhikeessuu qaba.
4
Akkuma Aaronii ka Waaqaan waamame malee, eennulle ulfinna kana ifiin hin fudhatu.
5
Akkasuma Kiristoos ulfinna Hayyicha Guddaa te'iisaa ifiin hin fudhanne; ammoo Waaqa isaan, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera!» jedhettuu ulfinna kana kenneef.
6
Addee dhibiille'etti, «Akkuma hayyummaa, Malkiisedeqii, ati haga bara baraa hayyu'u» hin jedha.
7
Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le'e, iyyansa gudda'aa fi imimmaaniin, daadimanna'aa fi gaaffii gara Waaqa du'a irraa isa fayyisiisaaf dande'uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage'eef.
8
Ilma Waaqaa te'ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate.
9
Guutuu te'een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te'e.
10
Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude.
11
Marroo waan kanaa waan jennu waan hedduu qanna; ammoo hubatiisaaf waan rinciccanuuf, ifa tolchanee himuun rakkisa'a.
12
Yennaa kana barsiisota te'uu maltane; amma ammoo jecha Waaqaa barumsa jalqabaa nami biraa ammalle akka isin barsiisu barbaachisa; silaa sagalee jaddu'utti isinii male; ammoo ammalle aananitti isiniif barbaachisa.
13
Nami aananiin jiraatu annuu waan te'eef, barsiisa dansa'aa fi hamaa gargar baasiisaa hin baranne.
14
Sagaleen jadduun ammoo worra gugurdaa, worra dansa'aa fi hamaa gargar baasiisa barateeruuf barbaachitti.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13