bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Hosea 11
Hosea 11
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 12 →
1
«Yennaa Israa'el ijoolle'ee, ani isa jaaladhe; biyya Gibxi'ii keessalle'ee ilma kiyya waame.
2
Irra caalaa ammoo ani kolbaa Israa'elii waame; irra caalaa isaan na irraa fagaatane. Isaan waaqa dharaa Ba'aaliif ciincaa dhikeessanee, fakki'iifille hixaana aarsane.
3
Harka kolbaa Efreemii qabee daaddisee, deemiisa ka barsiise ana; isaan ammoo ka isaan fayyise ana akka te'e hin beenne.
4
Ani wodaroo gadhi-laafummaa namaatiin, hidhaansa jaalalaatille'een isaan harkise; waanjoo morma isaanii irraa fuudhee gad jedhee isaan areere.
5
«Isaan gara kiyya deebi'uu waan didaneef, gara biyya Gibxi'ii hin deebi'anuu ree? Worri Asoorii isaan hin bulchuu ree?
6
Shallaagaan qachoota isaanii keessa hin balaqqitti; danqaraa karra dalleya isaanii kukkuttee karoora isaanii hin balleessiti.
7
Kolbaan tiyya na irraa fagaatiisaaf murteeffatte; isaan Waaqa Ol Aanaa yoo waammatanelle, ani karuma te'e maraanuu isaan ol hin qabu.
8
«Ee Efreem, ani attam si lakkisuu dande'a ree? Ee Israa'el, ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree? Akka qachaa Aadimaa ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree? Yookiin akka qachaa Zebo'iimii ani attam si godhuu dande'a ree? Gadhaan kiyya raafame; Marartiin tiyya marti kakkaateerti.
9
Ani aarii tiyya ta bobeettu gad hin lakkisu; deebi'ee Efreem hin balleessu; ani Waaqa Woyyicha odduu teessan jiru malee, namaa moti; ani mufi'iin gara keessan hin dhufu.
10
«Isaan ana Mootii Waan Maraa hin hordofan; anille akka neenqaa dhangaa hin dhowa. Yennaa ani dhangaa dhowu, ijoolleen tiyya hollataa karaa aduun seentu irraa hin dhufan.
11
«Isaan hollataa akka sinbirrootaa biyya Gibxi'ii irraa, akka saphaliisaa biyya Asoorii irraa hin dhufan. Anille mana isaaniititti isaan hin qubachiisa;
12
«Efreem dharaan, kolbaan Israa'elii sobaan na marsite; Yihudaalle ana Waaqa Woyyicha addatamaa irratti ka'e.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14