bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Joshua 5
Joshua 5
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 6 →
1
Moototi Amoorotaa worri laga Yordaanosiitiin gama gara aduun seentuu jiru duudi'ii fi moototi Kana'aanotaa worri irga abbaayaa Mediteraaniya'aa jiranu duudiin, haga kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii buutu akka Mootiin Waan Maraa laga gosse yennaa dhage'ane, sodaatanee akka gaga'aa baqane; isaan sababa Israa'elootaatiif jajjabeenna dhabane.
2
Yennaa san Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Dhakaa qara qabu qopheeffadhuutii ammalle ilmaan Israa'elootaa haqanqabaa qabi» jedhe.
3
Maarre Iyaasuun dhakaa qara qabu qopheeffatee, Gibi'aat-Haaraalotitti ilmaan Israa'elootaa haqanqabaa qabe.
4
Wonni Iyaasuun isaan haqanqabaa qabeef kana: namooti biyya Gibxi'iitii bayane marti, dhiirti worri woggaan isaanii duulaaf geye duudiin, biyya Gibxi'iitii bayanee adoo goomolee keessa deemanuu du'ane.
5
Namooti biyya Gibxi'ii keessaa bayane duudiin haqanqabaa qabataneeraniiyyu; biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba worri goomolee keessatti dhalate duudiin ammoo, haqanqabaa hin qabanne.
6
Israa'elooti Gibxi'ii yennaa bayane worri woggaan isaanii duulaaf geette duudiin jecha Mootii Waan Maraatiif waan ajajamuu dhabaneef, haga isaan dhumatanutti kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa deemaa turte. Mootiin Waan Maraa lafa aananii fi dammaa ta sanyii isaaniitiif kenniisaaf abbootii isaaniitiif waadaa gale san, akka isaan hin dhaggine kakate.
7
Iyaasuun ijoollee Mootiin Waan Maraa addee abbootii isaaniititti kaase haqanqabaa qabe; isaan karaa irratti haqanqabaa waan hin qabatiniif, haqanqabaa qabatanee hin jiranu.
8
Kolbaan duudiin haqanqabaa qabatteen duuba, haga madaan isaanii fayyitu addee quttumaatitti turane.
9
Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ani adha salphinna keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin irraa konkolaachise» jedhe. Tanaaf maqaan addee sanii haga adhaa, «Giilgal » jedhame.
10
Israa'elooti Giilgalitti qubatanee adoo jiranuu, ji'a keessaa guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti galgala diida Yeriko'ootitti Jila Irra Dabaramaa jilifatane.
11
Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin duuba midhaan lafa sanii, daabboo uukoo hin qannee fi akumm'ee nyaatane.
12
Guyyaa isaan midhaan lafa sanii nyaataneen jalqabee, mannaan bu'iisa lakkise; Israa'elooti woggaa san keessa midhaan latti Kana'aanii baattu nyaatane malee, eega san deebi'anee mannaa hin dhagganne.
13
Iyaasuun qachaa Yeriko'ootitti yennaa dhikaate, nama shallaagaa buqqifatee dhaabbateeru tokko ifiin duratti dhaggee, gara isaa dhaqee, «Ati gara keenna moo gara diina keennaa ti?» jedhee gaafate.
14
Namichille deebisee, «Ani gara keessan yookiin gara diinaatille'e moti; ammoo ajajaa loltoota Mootii Waan Maraa te'ee dhufeera» jedhe. Iyaasuulle lafatti jigee sagadeefii, «Goottaa kiyya, maan akka ani godhu barbaadda?» jedhee deebise.
15
Ajajaan loltoota Mootii Waan Maraa deebisee Iyaasu'uun, «Addeen ati dhaabbatteertu tun woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu» jedhe. Iyaasuulle akkasuma godhe.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24