bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Leviticus 11
Leviticus 11
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 12 →
1
Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
2
«Israa'elootaan, ‹Bineensota maraa fi horii mara keessaa ka isin nyaatuu dandeettanu:
3
ka kotteen isaa baqaqa qadduu fi ka alalfatu mara nyaatuu hin dandeettan.
4
« ‹Bineensota alalfatu ka kotteen isaa baqaqa hin qanne yookiin ka kotteen isaa baqaqa qabaattee hin alalfanne hin nyaatina'a. Gaalli hin alalfata, garuu kotteen isaa baqaqa waan hin qanneef, akka aadaa dhugeeffanna'aatitti battii isiniif te'uu ti.
5
Osoleen hin alalfatti, garuu kotteen isi'ii baqaqa waan hin qanneef, battii isiniif teetuu ti.
6
Hilleensi hin alalfata, garuu kotteen isaa baqaqa waan hin qanneef, battii isiniif te'uu ti.
7
Booyyee kotteen isi'ii baqaqa qaddi, garuu waan hin alalfanneef, battii isiniif teetuu ti.
8
Isaan kun isiniif battii waan te'aneef, foon isaanii hin nyaatina'a; reeffa isaaniille hin tuqina'a.
9
« ‹Bineensota abbaayaa keessatti yookiin laga keessatti dadamane keessaa, ka koolaa fi solloqqee qabanu nyaadhu.
10
Bineensota abbaayaa keessatti yookiin laga keessatti dadamanee munyuuqanu mara keessaa, ka koola hin qanne yookiin ka solloqqee hin qanne ammoo hin nyaatina'a.
11
Isaan isiniif battii waan te'aneef, foon isaanii hin nyaatina'a; reeffa isaanille hin tuqina'a.
12
Waan bisaan keessa le'u keessaa wonni koolaa fi solloqqee hin qanne marti isiniif battii te'uu ti.
13
« ‹Gosa sinbirre'ee keessaa ta isiniif battii teetee fi ta isin ijjumaa hin nyaanne: risaa, allaattii, rumicha,
14
culullee, jajjuu,
15
harraaqqessa gosa adda addaa,
16
guchii, baabboo, haanqaa, jajjuu gosa adda addaa,
17
urunguu, huummoo, qillisaa,
18
urunguu adii, urunguu goomole'ee, allaattii gosa adda addaa,
19
qongaa, dhaatii, looyyituu, cirricho'o.
20
« ‹Dadi didiqqoon koolaan ka'anu ka luka afuriin deemanu marti isiniif battii te'anuu ti.
21
Te'uu malee dadi koola qabaatanee, luka afuriin deemanu keessaa ka ittiin utaaliisaaf luka qondhooffatu qabanu mara hin nyaattan.
22
Kana keessaa, ka akka korophiisa gosa adda addaa, farda waaqaa gosa adda addaa, awwaannisa gosa adda addaa hin nyaattan.
23
Ka dhibiin ammoo dadi didiqqoon ka koola qabaatanee luka afuriin ideemanu marti isiniif battii te'anuu ti.
24
« ‹Isaan kun isin batteessan; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgalaatitti battii hin te'a.
25
Nami reeffa isaanii lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; inni haga galgalaatitti battii hin te'a.
26
« ‹Bineensii fi horiin kotteen isaanii baqaqa qabaattee addee lamatti hin qoodaminii fi ka hin alalfanne isiniif battii te'anuu ti; nami reeffa isaanii tuqe marti battii hin te'a.
27
Dada luka afuriin ideemanu keessaa ka barru'uun ideemanu marti isiniif battii te'anuu ti; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgala battii hin te'a.
28
Isaan isiniif battii waan te'aneef, nami reeffa isaanii lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; inni haga galgalaatitti battii hin te'a.
29
« ‹Bineensota lafa irra munyuuqanu keessaa worri battii te'e: tuqaa, hantuuta, qarcoo gosa adda addaa,
30
bulee goggogaa, naacha, qocaa, wokkallaa, gaararraa,
31
bineensota lafa irra munyuuqanu mara keessaa isaan kun isiniif batti'i; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgalaatitti battii hin te'a.
32
Bineensoti akkasii du'ee meya muka irraa, woyaa irraa, gogaa irraa yookiin keeshaa irraa hujame irra yoo bu'e, mey sun marti battii hin te'a; bisaan keessa keya'a; te'uu malee haga galgalaatitti battii hin te'an; achiin duuba qulqulluu hin te'an.
33
Reeffi isaanii meya faara irraa hujame keessa yoo bu'e, wonni keessa jiru marti battii waan teetuuf meya san cassa'a.
34
Bisaan meya san keessaa Sagalee nyaatanu maratti yoo cophe, sagaleen sun battii hin teeti; wonni meya san keessaa unanu marti battii hin te'a.
35
Wonni reeffi isaanii irra bu'e marti battii hin te'a; eeleen yookiin okkoteen sun cacadduu ti. Isaan martinuu batti'i; akka batti'iititti isaan ilaala'a.
36
Wonni dhibiin ta reeffa bineensotaa fi horii kanaa tuqe marti battii te'anulle, maddi yookiin boolli bisaanii hin battoottu.
37
Reeffi isaanii midhaan sanyi'ii irra yoo bu'e, sanyiin sun hin battoottu.
38
Ammoo midhaan sanyi'iititti bisaan copheeruun reeffi bineensotaa fi horii sanii yoo irra bu'e, sanyiin sun isiniif battii hin teeti.
39
« ‹Bineensaa fi horiin akka isin nyaattanu eeyyamame keessaa tokko yoo du'e, nami reeffa isaa tuqe haga galgalaatitti battii hin te'a.
40
Nami foon bineensaa fi horii du'ee san nyaate woyaa ifii dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. Nami reeffa san lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
41
« ‹Dadi gadha'aan lafa irra sinqiiqqataa deemanu marti batti'i; isaan hin nyaatina'a.
42
Dadi gadha'aan lafa irra sinqiiqqatanu, ka gadha'aan lafa irra lowanu, ka miila afuriin sinqiiqqataa deemanu yookiin ka miila bacaa qabanu marti isiniif battii waan te'aneef hin nyaatina'a.
43
Bineensota akkanaa kana nyaattanee ifi hin batteessina'a; karaa isaaniitiin battii ifi hin godhina'a yookiin isaaniin hin battowina'a.
44
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani woyyuu waan te'eef, isinille ifi adda baasa'aatii, woyyuu te'a'a. Dada gadha'aan lafa irra sinqiiqqatanu kanaan ifi hin batteessina'a.
45
Ani Waaqa keessan te'iisaaf, Mootii Waan Maraa ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; tanaaf, ani woyyuu waan te'eef, isinille woyyuu te'a'a.
46
« ‹Seerri marroo bineensotaa, marroo sinbirrootaa, marroo bineensota bisaan keessaatii fi marroo bineensota lafa irra munyuuqanu maraaf kenname kana.
47
Isin waan battii te'ee fi waan qulqulluu te'e, dada lafa irraa ta lubbuu qaddu keessaa ka nyaatamanuu fi ka hin nyaatanne gargar baasa'aatii beeka'a› jedha'a» jedhe.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
Recommended Reading
Commentary
Leviticus Commentaries
→
Devotional
Leviticus Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→