bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Leviticus 3
Leviticus 3
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 4 →
1
«Nami tokko kennansa tokkummma'aa loon keessaa yoo kennu te'e, korma yookiin sa'a fafa hin qanne Mootii Waan Maraa duratti dhikeessuu ti.
2
Inni harka ifii mataa horii kennansa dhikeessee san irra keyee, seensuma Dunkaanii woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga san cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaasanuu ti.
3
Kennansa tokkumma'aa kana irraa, ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, moora meya gadha'aatitti marateeru maraa fi ka meya gadha'aa wolitti hidheeru mara,
4
kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin baasuu ti.
5
Achiin duuba ilmaan Aaronii addee ciinca'aa irratti, qoraan kennansa gubamuuf bobe'u irratti, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhanee gubanuu ti.
6
«Kennansi tokkumma'aaf kennamu karra hoole'ee yookiin re'e'ee keessaa yoo te'e, korbeessa yookiin dhaltuu fafa hin qanne te'uu ti.
7
Nami tokko buruusoo hoole'ee yoo kenne, fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti.
8
Harka ifii mataa horii kennansa dhikeessee san irra keyee Dunkaanii Woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii dhiiga san cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaasanuu ti.
9
Kennansa tokkumma'aa kana irraa, ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, duma hoole'ee irraa baasee, moora meya gadha'aatitti marateeruu fi meya gadha'aa wolitti hidheeru mara,
10
kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin dhikeessuu ti.
11
Akka kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatuutitti, hayyichi isaan kana addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
12
«Kennansi isaa re'ee yoo te'e, fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti.
13
Harka ifii mataa isi'ii irra keyee Dunkaanii Woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii dhiiga isi'ii cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaasuu ti.
14
Kennansa kana irraa, ka ibiddaan gubamee dhikaatu, moora meya gadha'aatitti marateeru maraa fi moora meya gadha'aa wolitti hidheeru mara,
15
kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uulle dhikeessuu ti.
16
Coomi martinuu kiyya waan te'eef, kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, hayyichi addee ciinca'aa irratti ibiddaan gubuu ti.
17
«Isin cooma mara, dhiiga maralle hin nyaatina'a! Kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti» jedhe.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27