bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Leviticus 18
Leviticus 18
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 19 →
1
Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
2
«Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan;
3
Waan worri biyya Gibxi'ii ta keessa leetane huju hin hujina'a; waan worri lafa kana'aanii ta ani amma itti isin galchu hujanulle hin hujina'a; aadaa isaaniille hin hordofina'a.
4
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; seera kiyyaaf ajajama'a; seerata kiyyalle ifi eegadha'aa hordofa'a.
5
Ani Mootii Waan Maraa ti; seerataa fi seera kiyya nami eegate lubbu'uun waan jiraatuuf isaan kana eegadha'a.
6
« ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; eennulle dubartii fira ifii bira geyiisaaf woliin hin rafin.
7
Ati haadha teeti woliin rattee bira geettee abbaa keeti hin salphisin; isiin haadha teeti waan teeteef isii bira hin geyin.
8
Niitii abbaa keetii bira geyiisaan abbaa keeti hin salphisin.
9
Obboleettii teeti bira geyiisaaf woliin hin rafin; intala abbaan keeti dubartii dhibii irraa uumate yookiin haati teeti nama dhibi'ii deette bira geyiisaaf woliin hin rafin.
10
Ati akka hin salphanneef, intala ilma keetii yookiin intala intala teetii bira hin geyin.
11
Obboleettii teeti waan teeteef, intala abbaa keetii ta masaanuu haadha teetii bira hin geyin.
12
Fira abbaa keetii waan teeteef, adaadaa teeti bira hin geyin.
13
Fira haadha teetii waan teeteef, obboleettii haadha teetii bira hin geyin.
14
Haadiqqoo teeti waan teeteef, niitii obboleessa abbaa keetii bira hin geyin.
15
Niitii ilma keetii waan teeteef, niitii ilma keetii bira hin geyin.
16
Wosoo teeti waan teeteef niitii obboleessa keetii bira hin geyin.
17
Ati dubartii takka bira yoo geette, fira isi'ii waan te'aneef, intala isi'ii yookiin intala ilma isi'ii yookiin intala intala isi'ii bira hin geyin; tun waan hantu'u.
18
Haga niitiin teeti lubbu'uun jirtu obboleettii isi'ii fuutee masaanuu isi'ii hin tolchin; isii biralle hin geyin.
19
« ‹Dubartii xuriin dhuttee battootteertu bira hin geyin.
20
Niitii nama dhibi'ii bira geettee ifi hin batteessin.
21
Ani Mootii Waan Maraa ti; ijoollee teeti keessaa tokkolle waaqa dharaa Moleekiif, ciincaa tolchiisaaf dabarsitee kennitee, maqaa Waaqa keetii hin batteessin.
22
Waan battii waan te'eef, akka dubartii bira geettu dhiira bira hin geyin.
23
« ‹Waan battii waan te'eef, bineensaa fi horii bira geettee ifi hin batteessin; dubartiille horii bira hin geyin.
24
« ‹Isinille waan kana keessaa tokkolle'een ifi hin batteessina'a; kolbaan gosa adda addaa ta ani isin duraa oofee baasu waan kanaan waan battootteertuuf,
25
lattille battootte; anille cubbuu isi'iitiif isii adabe; lattille worra isii keessa le'u tutte.
26
Isin ammoo seerataa fi seera kiyya eeggadha'a; isin dhalataan biyyaa yookiin nami ormaa ka odduu teessan le'u waan battii tana hin hujina'a.
27
Worri isiniin dura lafa san keessa le'u waan battii tana waan hujeef, latti sun battootteerti.
28
Latti akkuma gosa biyya adda addaa ta isiniin duraa tutte, yoo isin isii batteessitane, isnille hin tutti.
29
Nami waan battii tana huje marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
30
« ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ajaja kiyya eegadha'a; waan battii worri isiniin dura lafa san keessa le'u huje keessaa waan tokkolle hin hujina'a; hujii tanalle'een ifi hin batteessina'a› jedhi» jedhe.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
Recommended Reading
Commentary
Leviticus Commentaries
→
Devotional
Leviticus Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→