bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Matthew 28
Matthew 28
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
1
Sanbati dabareen duuba, Dilbata barii halkaniin, Maariyaamiin qachaa magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun boolla awwaalaa ilaaliisaaf dhaqane.
2
Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e.
3
Bifi isaa akka balaqqeetti'ii, woyaan isaa adii akka dhakaa roobaa ti.
4
Worri eegu ergamaa Gootta'aa waan sodaateef hollatanee akka nama du'ee te'ane.
5
Ergamaan Gootta'aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina'a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka.
6
Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du'aa ka'eera. Addee reeffi isaa keyame kowa'aa ilaala'a.
7
Amma ariifadha'aatii deema'aatii, ‹Inni du'aa ka'eera, amma isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa; isin achitti isa hin dhaggitan› jedha'aatii barattoota isaatitti hima'a. Kunoo, ani isinitti himeera» jedhe.
8
Maarre dubartooti soda'aa fi gammada gudda'aan ariifatanee boolla awwaalaa keessaa bayanee, barattoota isaatitti himiisaaf rukkisane.
9
Dedhuma Yesuus isaaniin wolde'ee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe. Isaanille itti hiiqanee, miila isaa qabatanee, isaaf sagadane.
10
Achiin duuba Yesuus, «Hin sodaatina'a; gara Galiila'aa akka dhaqanu obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa hima'a; isaan achitti na dhaggan» isaaniin jedhe.
11
Dubartooti adoo karaa irra jiranuu, worra boolla awwaalaa eegu keessaa gariin gara qacha'aa dhaqanee waan te'e mara sooreyyii hayyootaatitti himane.
12
Sooreyyiin hayyootaa jaarsolee kolba'aa woliin wolitti dacha'anee mari'atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee,
13
«Isin, ‹Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane› jedha'aa kolba'atti hima'a.
14
Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage'e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona» jedhaneen.
15
Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti.
16
Barattooti kudhanii tokko gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqane.
17
Isaan yennaa isa dhaggane, isaaf sagadane; worri gariin mamane.
18
Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin duudiin ol-gubba'aa fi lafa irratti naaf kennanteerti.
19
Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha'a.
20
Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa'a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28