bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Matthew 7
Matthew 7
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
1
Yesuus, «Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina'a.
2
Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille'eef safarama.
3
«Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne?
4
Jigeessi ila teeti keessa adoo jiruu, obboleessa keetiin, ‹Huura ila teeti keessaa sii fuudha› attam jedhuu dandeetta?
5
Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu; achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta.
6
«Waan Waaqaaf male sarootaaf hin kennina'a; isinitti garagalanee isin ciniinan. Dooqa keessan ka gatii guddoo qabulle booyyota dura hin buusina'a; isaan miilaan irra sirban» jedhe.
7
Yesuus itti dabalee, «Gaafadha'a, isiniif hin kennanti; barbaada'a, hin dhaggattanille'e; balbala dhodhowa'a isiniif hin bananti.
8
Ka gaafatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti.
9
Isin keessa ilmi isaa daabboo yoo gaafate, ka dhakaa kennuuf eennu?
10
Yookiin qurxummii yoo gaafate, dhudhuufaa hin kennaafii?
11
Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa gaafatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree!
12
«Waan namooti akka isiniif godhanuuf barbaaddanu isinille akkasuma isaaniif godha'a: Seerri Muuse'eetii fi raagoti kanuma barsiisan.
13
«Karra dhipho'oon seena'a! Karaan gara badi'ii geessu badha'a; karrille badhoo waan teeteef, worri karra san seenu heddu'u.
14
Karaan gara jiru'uu geessu ammoo qadha'aa; karrille dhiphoo waan teeteef, worri karaa jiru'uu san dhaggatu diqqa'a» jedhe.
15
Yesuus itti dabalee, «Raagota dharaa irraa ifi eeggadha'a; isaan gubbaa irra hoolota fakkaatanee, gara keessan dhufan; keessi isaanii ammoo yayyii isin butattu.
16
Midhaan isaaniitiin isaan beettan. Midhaan woyni'ii kom'olcha irraa, midhaan harru'uu waaccuu irraa hin guuranu.
17
Akkasuma, muki dansaan midhaan dansaa, muki hamaan midhaan hamaa buusa.
18
Muki dansaan midhaan hamaa buusuu hin dande'u; yookiin muki hamaalle midhaan dansaa buusuu hin dande'u.
19
Muki midhaan dansaa hin buunne martinuu muramee ibiddatti gatama.
20
Tanaaf midhaan isaaniitiin raagota dharaa beettan» jedhe.
21
Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu ka hujutti mootummaa ol-gubba'aatitti gala malee, ka, ‹Gootta'a, Gootta'a› jedhee na waamu marti hin galu.
22
Guyyaa mura'aa san, namooti hedduun, ‹Gootta'a, Gootta'a! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin durriisota hin baannee? Maqaa keetiin baasota hedduu hin hunyee?› anaan hin jedhan.
23
Ani ammoo, ‹Ijjumaa isin hin beeku. Isin worra dabaaleyyi'i; ila tiyya duraa deema'a!› jedhee ifatti isaanitti hima» jedhe.
24
Yesuus, «Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassaa irratti ijaarrate tokko fakkaatta.
25
Bokkeenni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sun ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne.
26
«Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine namicha gowwaa mana ifii maansa irratti ijaarrate tokko fakkaata.
27
Bokkeenni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sunille jigee akka malee butute» jedhe.
28
Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, gumiin barsiisa isaatitti baaseffatte.
29
Inni akka barsiisota isaanii ta Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu tokko isaan barsiise.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28