bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Matthew 3
Matthew 3
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 4 →
1
Bara san Yohaannisiin cuuphaan goomolee biyya Yihuda'aa keessa lallabaa dhufee,
2
«Mootummaan ol-gubba'aa waan dhikaatteef cubbuu irraa deebi'a'a!» jedhe.
3
Isaayaasiin raagichi, «Nami tokko goomolee keessaa iyyaa, ‹Karaa Gootta'aaf qopheessa'a; daandii inni irra deemu qajeelcha'a!› » yennaa jedhe inni marroo Yohaannisii dubbate.
4
Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa dhowameeraayyu; inni hidha ifii teephaan hidhate; sagaleen isaalle awwaannisaa fi damma hollaa ti.
5
Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, biyya cinaa laga Yordaanosii mara irraa kolbaan gara isaa dhutte.
6
Isaan cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphamane.
7
Yohaannis Fariisaayotaa fi Saduqoota hedduu cuuphamiisaaf gara isaa dhufiisatti jiranu yennaa dhagge, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?
8
Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a.
9
‹Abbaan keenna Abrahaam› jedhiis isin hin baasa hin seyina'a. Waaqi dhakoota kana fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima.
10
Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera; muki midhaan dansaa hin buunne muramee ibiddatti hin gatama.
11
Akka isin cubbuu irraa deebitane mudhisiisaaf ani bisaaniin isin cuupha, ka ana duubaan dhufaaru ammoo Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddoo na caala; ani kophee isaatuu ba'atiisaafille nama te'uu moti.
12
Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf horooroo harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; hicaacee ammoo ibidda hin dhaanneen guba» isaaniin jedhe.
13
Yesuus yennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yordaanosii dhufe.
14
Yohaannis ammoo, «Ani si'iin cuuphamu'uu male, ati maaf gara kiyya dhutta?» jedhee isa dhoogge.
15
Yesuus ammoo deebisee, «Karaa kanaan balchummaa mara muummessu'uu waan malleef, amma na dhoogguu lakkisi» jedheen; achiin duuba Yohaannis lakkise.
16
Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, ol-gubbaan banantee Ayyaanni Waaqaa saphaliisa fakkaatee gad dhufee isa irra bu'uun dhagge.
17
Ol-gubbaa irraa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya jaalatama'a, ka ani guddoo isatti gammadeeru» jette.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28