bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Revelation 15
Revelation 15
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 16 →
1
Achiin duuba beessisa gudda'aa fi kancira te'e tokkolle ol-gubba'atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme'ee torba qabatteertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme'ee jedhamane.
2
Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw'iti'ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki'ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee,
3
faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse'eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee, «Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, hujiin teeti guddo'oo fi baasa! Ati mootii gosa biyya adda addaa, karaan keeti qajeela'aa fi dhuga'a!
4
Gootta'a! Nami si hin sodaanne, ka maqaa keetille hin guddinne eennu? Si calla'attuu woyyicha; hujiin teeti balchittiin waan mudhatteef, gosi biyya adda addaa mara dhufee, si'iif hin sagada» jedhane.
5
Kanaan duuballe'etti waan dhibii dhagge. Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa, ka dunkaanii dhugaa bayaa jedhamu baname;
6
ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabatteertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba'aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi'iitiin hidhataneeran.
7
Achiin duuba dada lubbuu qaddu afur keessaa tokkochi, qorii worqi'ii torba ta mufii Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin guutanteertu, ergantoota Waaqaa torba sanii kenne.
8
Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22