bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Revelation 8
Revelation 8
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 9 →
1
Yennaa Hoolichi chaappaa torbeesso'oo bane, ol-gubba'atti gara daqiiqaa soddomaa cadheessi te'e.
2
Achiin duuba ani ergantoota Waaqaa torba ta Waaqa dura dhaabbattu dhagge; tultullaan torballe isaaniif kenname.
3
Ergamaan Waaqaa ka dhibiille girgiraa worqi'iin hujame qabatee dhufee, addee ciincaan itti ciinceffamu bira dhaabbate; innille addee ciincaan itti ciinceffamu ta worqi'iin hujantee barcumaa mootummaa Waaqaa dura jirtu irratti, daadimata worra Waaqaaf woyyoome maraa woliin akka dhiyeessuuf, hixaanni bacaan itti kenname.
4
Aarri hixaanaalle daadimata worra Waaqaaf woyyoomee woliin harka ergamaa Waaqaa irraa gara fuula Waaqaa ol ka'e.
5
Ergamaan Waaqaa sunille girgiraa san harkatti qabatee ibidda ciinca'aa itti guutee gad gara lafaa qolaanse; gikkeessi mandiisu'uu, huuruun, balaqqeessi balaqqeetti'iitii fi tacho'i lafaalle te'e.
6
Achiin duuba ergantooti Waaqaa torba ta tultullaa torba qabatteertu tultullaa afuufiisaaf qophootte.
7
Ergamaan Waaqaa ka qaraa tultullaa ifii afuufe. Dhakaan bokkeyaatii fi ibiddi dhiigaan makame lafatti gad bu'ane; lattille harka sad keessaa harki tokko gubatte; mukootille harka sad keessaa harki tokko gubatane; marri bisileelle martinuu gubate.
8
Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Wonni akka gaara gudda'aa fakkaatulle ibiddaan gubataa abbaaya'atti qolaanfame; abbaayaan guddoolle harka sad keessaa harki tokko dhiiga teete.
9
Dadi lubbuu qaddu ta abbaayaa keessa jirtu, harka sad keessaa harki tokko duute; hobolooti gugurddootille harka sad keessaa harki tokko muxuqqi jedhane.
10
Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Urjiin guddoon ta akka xassa'aa bobeettu lagoota harka sad keessaa harka tokkoo fi maddoota bisaaniititti ol-gubbaa irraa buute.
11
Maqaan urjii saniille, «Hadheesso» jedhama. Bisaanille harka sad keessaa harki tokko hadhowaa te'e; bisaan hadhowaa waan te'eef namooti hedduun du'ane.
12
Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Ifi isaanii harka sad keessaa harki tokko akka dukkanowuuf, ka adu'uu harka sad keessaa harki tokko, ka ji'aa harka sad keessaa harki tokkoo fi ka urji'ii harka sad keessaa harki tokko dhowame; ifi guyya'aa harka sad keessaa harka tokko, ifi halkaniille harka sad keessaa harka tokko ifa akka hin kennine dhooggame.
13
Achiin duuba midhadhee, risaan tokko waaqa keessa koolaan ka'aa qoonqoo guddo'oon, «Ergantooti Waaqaa sad ta hatte, waan tultullaa afuuttuuf, worra lafa irra le'uuf aanne'e! Aanne'e! Aanne'e!» jedhaa iyyuun dhage'e.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22