bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Revelation 22
Revelation 22
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
1
Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru'uu, ka akka cabbi'ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa'uun natti mudhise.
2
Lagi sunille hodhicha guddicha qachaa sanii wodhakkaa lola'iisatti jiraayyu. Laga san gamaa fi gamana muki jiru'uu jira; muki kun wogga'atti yennaa kudha lama waan midhaan buusuuf, ji'uma ji'aan midhaan irraa dhaggama. Baalli muka kanaalle ka gosi biyya adda addaa ittiin fayyitu.
3
Haganaa achi wonni Waaqaan abaaramu tokkolle achitti hin dhaggamu. Barcumaan Waaqaatii fi Hoolichaa qachaa san keessa jiraata; tajaajiltooti isaalle isa waaqonfatan.
4
Isaan fuula isaa hin dhaggan, maqaan isaalle adda isaanii irratti hin jiraata.
5
Haganaa achi halkan hin jiraatu; Waaqi Goottaan ifa isaanii waan te'uuf, ifi issa'aa, yookiin ifi adu'uu isaaniif hin barbaachisu. Isaan bara baraa haga bara baraatitti hin mowan.
6
Ergamaan Waaqaalle, «Jechooti kun ka addatamanee fi dhugaammeyyi'i. Waaqi Goottaan Ayyaanota raagotaaf kennu, waan dhiko'otti te'u, tajaajiltoota ifiititti mudhisiisaaf, ergamaa ifii ergeera» anaan jedhe.
7
Yesuusille, «Kunoo, ani dafee hin dhufa; nami jecha raagaa, ka kitaaba kanaa eeggatu, ka badhaadhe» jedhe.
8
Ka waan kana dhage'ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage'e, ergamaa Waaqaa ka waan kana natti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige.
9
Inni ammoo, «Lakkii! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si'ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila'a; Waaqaaf sagadi» naan jedhe.
10
Itti dabaleelle, «Yennaan waan geetteertuuf, jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa chaappa'aan hin cufin.
11
Ka hantuu huju, ittuma hujuu ti; battichille ittuma battowuu ti; balchaalle ittuma balchoomuu ti; woyyichille ittuma woyyoomuu ti» jedhe.
12
«Kunoo, ani dafee hin dhufa! Nama tokko tokkoofuu gatii akkuma hujii isaatitti kennulle qabadheera.
13
Alfa'aa fi Omeegaan, ka duraatii fi ka duubaa, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ana.»
14
Muka jiru'uu irraa midhaan nyaatiisaa fi karaa karraatiin gara qachaa sanii seeniisaaf, akka haqa qabaatu, worri woyaa ifii dhiqatu ka badhaadhe.
15
Worri sareeleen, worri xanu, sagaagaltooti, worri nama ijjeesu, worri waaqa dharaa waaqonsu, worri dhara jaalatuu fi sobu mara ammoo alatti hafa.
16
«Akka dhugaa baya tana isiniif kennuuf, ani Yesuus ergamaa kiyya wolde'oota kiristaanaatiif ergeera; ani hiddaa fi sanyii Daawitii ti; ani bakkalcha bari'ii ifaalessa.»
17
Ayyaanaa fi waajibittiin, «Koy» jedhan; ka dhage'ulle, «Koy» jedhuu ti; ka dheebote mara dhufuu ti; ka barbaadulle mara bisaan jiru'uu toluma fudhatuu ti.
18
Ani nama jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa dhage'u mara ifi eeggachiisa; eennulle jecha kana irratti waan tokkolle yoo ede'e, Waaqi balaa Kitaaba kana keessatti barreeffame isatti ede'a;
19
eennulle jecha raagaa ka Kitaaba kana keessatti bareeffame keessaa waan tokkolle yoo dhidhise, Waaqille muka jiru'uutii fi qachaa woyyicha kitaaba kana keessatti barreeffamane keessaa qooda isaa dhidhisa.
20
Ka waan kana dhugaa bawu, «Ee, dafee hin dhufa» jedha. Ameen! Goottaa Yesuus, koy.
21
Badhaadhi Goottaa Yesuusii, kolbaa Waaqaa woliin jiraatu. Ameen!
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22