bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Zechariah 13
Zechariah 13
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 14 →
1
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Guyyaa san maddi cubbu'uu fi battummaa isaanii qulqulleessu, sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'anuuf hin banama.
2
Guyyaa san maqaa waaqota dharaa lafa irraa hin balleessa; nami deebi'ee isaan qaabatu hin jiraatu; raagota dharaatii fi ayyaana battiille lafa irraa hin balleessa.
3
Gaafas eennulle yoo raaga dubbate, abbaan isaatii fi haati isaa, ‹Ati maqaa Mootii Waan Maraatiin soba waan dubbatteef, du'uu qadda› jedhaniin. Yennaa inni raaga dubbatu abbaan isaatii fi haati isaa, isa woraanane ijjeesan.
4
Guyyaa san raagaan tokko tokkonuu raaga mudhi'iin dhagge saniif hin qaanowa; namootalle sobiisaaf woyaa rifeensa qaddu hin uffatu.
5
Inni, ‹Ani qonnaan bula'a malee, raaga'aa moti; ani ijoollumma'aan jalqabee nama lafa qotu› hin jedha.
6
Nami tokko, ‹Madaan nafa keeti irraa tun maan?› jedhee yoo isa gaafate, inni deebise, ‹Mana jaala kiyyaatitti madowe› hin jedhan» jedha.
7
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ee, shallaaga'a! «Tissee kiyya irratti, jaala ani addadhu irratti ka'i! Hooleen akka bittinnoottuuf, tissee dhowi! Ani harka kiyya, buruusoo irralle'etti hin deebifadha.
8
Lafa duudii keessaa, kolbaa harka sad keessaa, harki lama dhowamee hin bada; teetuu malee harka sad keessaa, harki tokko hin hafa.
9
Worra hafe harka sad san, ibidda keessa buusa; akkuma meetiin ibiddaan qulleeffantu, isaan hin qulleessa; akkuma worqiin ibiddaan haga ilaallantu, isaan haga hin ilaala. Isaan maqaa kiyya hin waaman anille isaaniif hin dhage'a. Ani, ‹Kolbaa tiyya› isaaniin hin jedha; isaanille, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqa keenna› hin jedhan» jedha.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14