bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Zechariah 4
Zechariah 4
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 5 →
1
Ergamaan na woliin dubbataa ture sun deebi'ee dhufee, akka nama hirriibaa nama dammassuu na dammassee,
2
«Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. Ani deebisee, «Waan issaan irra keyamu ka worqii qofaan hujame, ka qoriin mataa isaa irra jirtu dhagga; issaan sun tokko tokkoon isaatuu uujjummee torba mataa irraa qaba.
3
Waan issaan irra keyamu bira, muki ejersaa lama middaa fi bitaa qori'iititti jira» jedhe.
4
Anille ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru saniin, «Ee goottaa kiyya, wonni kun maan inni?» jedhee gaafadhe.
5
Innille, «Ati wonni kun maan akka te'e hin beettu?» jedhee na gaafate. Anille, «Ani hin beeku, goottaa kiyya» jedheen.
6
Jechi Mootii Waan Maraa ka ergamaan Waaqaa akka ani Zarubaabelitti himuuf natti hime kana: «Ayyaana kiyyaan malee hunnaa fi jabeennaanii moti.
7
«Ee, gaara gudda'a! Ati maan! Ati Zarubaabel duratti lafa dirree hin teeta; yennaa inni dhakaa ittiin ijaaranee muummessanu lafaa ol fuudhu, namooti ‹Attam dansa'a! Attam dansa'a!› jedhaa gammadaan hin iyyan» ka jedhu.
8
Ammalle jechi Waaqaa gara kiyya dhufee,
9
«Zarubaabel hundee Galma kanaa harka ifiitiin keyeera; harka ifiitiin ijaarsa kana hin fixa. Yennaa tun teetu Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade akka gara keessan na erge hin beettan.
10
«Worri waan diqqoo dhaggane tuffatane, dhakaa tumbi'ii harka Zerubaabeliititti yennaa dhagganu hin gammadan; issaan torba kun ila Mootii Waan Maraa torba ta lafa duudii dhaggitu» jedhe.
11
Achiin duuba ani, «Muki ejersaa lamaan ka waan issaan irra keyamu middaa fi bitaa jiru kun maan» jedhee ergamaa Waaqaa gaafadhe.
12
Ammalle ani, «Dameen muka ejersaa lamaan, ka uujjummee worqi'ii lamaan cina'aa zayitii ejersaa yaasanu maan?» jedhee gaafadhe.
13
Inni anaan, «Ati wonni kun maan akka te'e hin beettu?» jedhe. Anille, «Ee goottaa kiyya, hin beeku» jedheen.
14
Achiin duuba inni, «Isaan lamaan kun Mootii Waan Maraa lafa maratti akka tajaajilanuuf worra muudame» jedhe.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14