bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Zechariah 2
Zechariah 2
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 3 →
1
Ani ol ilaalee, nama wodaroo miki'ii harkatti qabateeru tokko dhagge.
2
Anille, «Eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafadhe. Inni deebisee, «Yerusaalem hagam akka badhattuu fi hagam akka dheerattu mikee ilaaliisa dhaqaara» naan jedhe.
3
Achiin duuba ergamaa na woliin dubbate sun gara duraa deemuun, ergamaan dhibiin isa wolde'iisaaf dhufee,
4
«Rukkisiitii dargaggeessa saniin, ‹Yerusaalem keessa kolbaa heddu'uu fi horiin hedduun waan jiranuuf qachaa dalleenni dhaka'aa itti hin ijaaranne teeti.
5
Ani adaala Yerusaalemiititti dalleya dhaka'aa ka ibiddaa hin te'a; isii keessattille ulfinnaa hin te'aaf› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhiin.
6
Mootiin Waan Maraa, «Ani maddii afurittuu waan isin bittinneesseeruuf, lafa kaabaatii baqadha'a! Baqadha'a!
7
Isin worri booji'antanee Baabilon keessa leetanu gara Yerusaalemii deebi'a'a!
8
Nami isin tuqu gumaa ila tiyyaa tuqa» jedha; kana Mootii Waan Maraatittuu dubbate. Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ulfinna naaf kennee, gosa biyya adda addaa ta isin saantetti na ergee,
9
«Kunoo, ani harka kiyya isaan irratti ol hin fudhadha; garbooti isaaniille isaan hin saaman» jedha. Achiin duuba isinille Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade akka na erge hin beettan.
10
Mootiin Waan Maraa, «Isin kolbaa Xiyoonii, kunoo ani dhufee odduu teessan waan le'uuf, ilillisa'aa gammada'a» jedha.
11
Guyyaa san gosi biyya adda addaa hedduun gara Mootii Waan Maraa dhufanee, gosa isaa hin te'an. Innille odduu isaanii hin le'a; akka Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan na erge hin beettan.
12
Mootiin Waan Maraa lafa woyyittii keessaa Yihudaa lafa ifii hin godhata; ammalle Yerusaalem hin filata.
13
Mootiin Waan Maraa addee woyyittii ifiitii waan dhufaaruuf, kolbaan duudiin isa duratti cadhisa'a.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14