bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
1 John 3
1 John 3
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
1
Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaallate ilaala'a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
2
Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te'uu malee yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna.
3
Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.
4
Cubbuun seera balleessiisa waan teeteef, nami cubbuu huju mara seera Waaqaa balleessee yakka.
5
Kiristoos cubbuu teenna balleessiisaaf akka dhufee fi ifii ammoo akka cubbuu hin qanne isin hin beettan.
6
Nami Kiristoosiin le'u cubbuu hin huju; nami cubbuu huju isa hin dhaggine, yookiin isaa hin beenne.
7
Ijoolle! Eennulle mee isin sobuu ti! Akkuma Kiristoos balchaa te'e, nami balchummaa huju balcha'a.
8
Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.
9
Nami Waaqa irraa dhalate adabi Waaqaa isa keessa waan jiraatuuf cubbuu hin huju, hujiisaafille hin dande'u.
10
Nami balchummaa hin hunyee fi nami obboleessa ifii hin jaallanne mara ka Waaqaatii moti; ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Durriisaa kanaan gargar baafamanee beekkaman.
11
Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, “Wol jaallatuu qanna” ta jettu tana.
12
Akka Qaayinii te'uu hin qannu; inni ka hamaalessaa te'ee obboleessa ifii ijjeese. Inni maaf isa ijjeese? Hujiin isaa hantuu teetee, hujiin obboleessa isaa balchittii waan teeteef isa ijjeesse.
13
Obboleeyyan tiyya! Kolbaan biyya lafaa yoo isin jibbite hin maadeffatina'a!
14
Nuuti obboleeyyan teenna waan jaallanuuf du'a keessaa gara jiru'uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaallane du'a keessatti hafa.
15
Nami obboleessa ifii jibbu, nama nama ijjeesse; nami nama ijjeese, jiruu bara baraa akka ifi keessaa hin qanne isinuu hin beettan.
16
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu'uuf kenneef, jaalalti maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.
17
Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalalti Waaqaa isa keessa jiraatti ree?
18
Ijoolle! Dubbi'iin yookiin afaan calla'aan adoo hin te'in, huji'ii fi dhuga'aan wol jaallannuu ti.
19
Nuuti ka dhuga'aa te'uu keennaa fi fuula Waaqaa dura ifi-addi'iin dhikaatu'uuf akka dandeennu tanaan beenna.
20
Yennaa wodanaan keenna nutti muru maraa, Waaqi wodanaa keenna waan caaluuf, waan maraa beeka.
21
Jaalota tiyya! Yoo wodanaan keenna nutti muruu dhabe, Waaqa duratti ifi-addii qanna.
22
Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna.
23
Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaallannu.
24
Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le'a; Waaqille isaan keessa le'a. Ayyaana inni nu'uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5