bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
1 John 4
1 John 4
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
1
Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina'a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa'aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te'e qorqora'aatii ilaala'a.
2
Ayyaana Waaqaa kanaan beettan: Ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugeessu maraa ka Waaqaa ti;
3
ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin dhugeessine maraa ka Waaqaatii moti; inniin kun ka akka inni dhufu isin dhageettane, ayyaana Kiristoos mormu. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.
4
Ijoolle! Isin ka Waaqaati; ka isin keessa jiru ka biyya lafaa keessa jiru waan caaluuf, raagota dharaameyyii injifattaneertan.
5
Raagoti dharaameyyiin ka biyya lafaa waan te'aneef, waan biyya lafaa dubbatan, biyyi lafaalle isaan dhageetti.
6
Nuuti ka Waaqaa ti. Nami Waaqa beeku maraa nu dhage'a; nami ka Waaqaa hin te'in mara ammoo nu hin dhage'u. Kanaan Ayyaana dhugaamessaa fi ayyaana dharaamessa gargar baannee beenna.
7
Jaalota tiyya! Jaalalti Waaqa irraa waan teeteef, kowa'a wol jallannaa! Nami jaallatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka.
8
Waaqi jaalala waan te'eef nami hin jaallanne maraa, Waaqa hin beeku.
9
Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu'uuf mudhise.
10
Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaallanne, inni ammoo nu jaallatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma'aa akka te'uuf erge.
11
Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaallate, nuutille wol jaallatuu qanna.
12
Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaallanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalalti isaalle nu keessatti guutuu teeti.
13
Inni Ayyaana ifii irraa waan nu'uuf kenneef, nuuti isa keessa, innille nu keessa akka jiraatu hin beenna.
14
Abbaan Ilma ifii Fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge nuuti dhaggineerra, dhugaalle hin baana.
15
Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nami dhugeessu maraa, Waaqi isa keessa, innille Waaqa keessa hin jiraata.
16
Nuuti jaalala Waaqi nu'uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra. Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata.
17
Biyya lafaa tana irratti akkuma Kiristoos le'e waan leeneef guyyaa mura'aa ifi-addii hin qabaanna; akka kanaan jaalalti Waaqaa nu keessatti guutanteerti.
18
Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalalti guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalalti isaa guutu'uu moti.
19
Waan Waaqi dursee nu jaallateef nuutille hin jaallanna.
20
Eennulle “Ani Waaqa hin jaalladha” jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaallanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaallatuu hin dande'u.
21
Nami Waaqa jaallatu, obboleessa ifiille jaallatuu qaba, ajaja jedhu Kiristoos nu'uuf kenneera.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5