bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
1 John 5
1 John 5
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Yesuus Masiihii akka te'e nami dhugeeffatu maraa ilma Waaqaa ti; nami Abbaa jaallatu, ilma isaalle hin jaallata.
2
Waaqa yennaa jaallannuu fi ajaja isaatiif ajajannu, ijoolle Waaqaa jaallachuu keenna tanaan beenna.
3
Waaqa jaallachuu jechuulle ajaja isaatiif ajajamiisa; ajaji isaalle ulfaata'aa moti.
4
Sababille nami Ilma Waaqaa te'e maraa biyya lafaa hin injifata. Hunni nuuti ittiin biyya lafaa injifannu tunille, dhugeeffannaa teenna.
5
Eentu biyya lafaa injifatuu dande'a? Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nama dhugeeffatu calla'atti biyya lafaa injifatuu dande'a.
6
Ka bisaan cuuphama isaa akeekuu fi dhiiga du'a isaa akeekuun dhufe kun Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee, bisaan calla'aan hin dhunne. Ayyaanni dhugaa waan te'eef, Ayyaanni ifiifuu tun dhugaa akka teete dhugaa baya.
7
Dhugaa baatoti sadi jiran;
8
isaanille Ayyaana, bisaanii fi dhiiga; isaan sadiin kun wolii galan.
9
Nuuti dhugaa baya namaa hin dhugeeffanna; dhugaa bayiisi Waaqaa ammoo, tana caalti. Dhugaan Waaqaa tun ta inni Ilma ifiitiif dhugaa baye.
10
Nami Ilma Waaqaatitti dhugeeffatu, dhugaa baya tana ifi keessaa qaba; nami Waaqa hin dhugeeffanne ammoo, dhugaa baya Waaqi Ilma ifiitiif baye dhugeeffatiisa waan dhabeef, Waaqa dharaamessa godheera.
11
Dhugaan inni baye tana: Waaqi jiruu bara baraa nu'uuf kenneera, jiruun tun Ilma isaa keessa jirti.
12
Nami Ilma Waaqaa qabu jiruu qaba; nami Ilma Waaqaa hin qanne jiruu hin qabu.
13
Isin worri maqaa Ilma Waaqaatitti dhugeeffattannu, jiruu bara baraa akka qaddannu akka beettanuuf, ani tana mara isiniif barreessa.
14
Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage'a.
15
Waan isa gaafannu mara akka inni nu'uu dhage'u yoo beenne, yennaa isa gaafannu mara akka fudhannu hin beenna.
16
Eennulle obboleessi isaa cubbuu du'atti [bara baraatitti] isa hin geessine hujuun yoo dhagge, isaaf daadimatuuti. Waaqi jiruu bara baraa nama saniif hin kenna. Tun worra cubbuu du'a [bara baraatitti] isaan hin geessine hujane calla'aaf teeti. Cubbuun du'a [bara baraatitti] nama geessittu jirti, ta akkanaatiif daadimadhu isaan hin jedhu.
17
Balleessaan marti cubbu'u; ammoo cubbuun du'a [bara baraatitti] nama hin geessine jirti.
18
Ijoolleen Waaqaa cubbuu hujaa hin teettu; Ilmi Waaqaa waan isaan tissuuf Hamaalessi isaan miidhu'uuf hin dande'u.
19
Nuuti ijoollee Waaqaa akka teenee fi biyyi lafaa duudiin hunna Hamaalessaa jala akka jirtu hin beenna.
20
Ilmi Waaqaa dhufee Waaqa dhugaamessa akka beennuuf, hubantii akka nu'uuf kenne hin beenna. Nuuti Waaqa dhugaamessaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa leena. Waaqi dugaamessi kana, jiruun bara baraalle tana.
21
Ijoolle tiyya, waaqota daraameyyii irra ifi eeggadha'a!
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5