bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Peter 1
2 Peter 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya Simoon Phexros, anin hojjataa fi ergamaa Yesus Kiristoo. Anin ergaa tana gara warra qajeeluma Waaqaatii fi ka qarqaarsa Yesus Kiristootiin dhugeeffachaa dansaa akka teenna argateetti barreessa.
2
Eebbaa fi nageennii, beekkumsa Waaqaatii fi ka Yesus Kiristootiin isan haa guutuu.
3
Waan ka nu yaamee guddinnaafi dansooma ufii nu qodee beennuf akka jirennaa dansaan tennuu yaa waan nu argachuu mallee cufaa nu kenne. Jaabeni isaa jabeenna Waaqaati.
4
Karaa kanaan, innii ya kakuu dansaa, ta guddoo wa nu baatu nuu kenne, akka eegii waan innii kakate argattan, dharraa badii, ta lafa tana keessa jirtu, duraa baatanii, Waaqaa fakkaattani, jireenna isaa qoodattan.
5
Mar. roo waan kanaatiif jabaadhaa akka dansooma dhugeeffachaa teessaniitti darattan; dansooma keessaniitti hubachaa daradhaa;
6
Hubachaa teessaniitti ufi qorqortii daradhaa; ufi qorqortii teessaniitti obsa daradhaa; obsa keessaniitti jireenna Waaqaa daradhaa;
7
jireenna Waaqaa keessanitti jaalala obboleeyyaanii daradhaa; jaalala obboleeyaaniitti jaalala daradhaa.
8
Waan kana cufaa qabaachuu maltan; yo waan kana cufa qixxee ufi keessaa qabaattan, beekumsa Aabboo Yesus Kiristoo keessaatti jabaattan midhaan baaftan.
9
Namii waan kana hinqamne ballaa yokaan ila boora waan fagoo hingarre, ka akka cubbuu isaa ta dabarte irraa qulqulleessan hinqaabanne.
10
Tanaaf obboleeyyaan tiyya, akka yaamicha Waaqaatii fi foohachaan isaa guyyaa cufaa isanii jaaramtu jabaadhaa dharraha, wantii akkanaatiif yo waan kana tolchitan haga jirtan hinjiddan.
11
Karaa kanaan akka finna Aabboo keennaa fi qarqaarsa keenna Yesus Kiristoo ka hegerii argattan isan tolchan.
12
Duuba waan kana adoo isan beettanii, dhugaa qara argattan akka dansaa jabeesitaniillee anin yo cufa isan qaabsiisa.
13
Anin yo haga jiru qalbii teessan tuqee qaabsise guddoo qajeeltu seha.
14
Akkuma Aabboo Yesus Kiristoon diideessee natti himee, anin akka dhi'oottuu du'u inbeeka.
15
Anin akka isan waan kana eegii anin du'eellee yo cufaa qabattanii, jabaadheetti karaa isanii midhaasa.
16
Wantii akkanaatiif isaa oduu durii ta homaa keessa hinjire gula, akka Aabboo Yesus Kiristoon jabeennaan dhufu, isaniitti hin himnee, iluma teennaan guddinna isaa agare.
17
Gaafa Aabboo Waaqii ulfinnaa fi guddinna isaa kenne, mullise nu achi jirra, gaafa qoonqoon gaara guddinna gubbaatti gadi dhuftee, “Kunin Ilma kiyya, ka anin jaaladhu, ka guddoo na gammachiisu” jette.
18
Nu gaafa isa waliin gaara qulqulloo gubbaa jirru qoonqoo tana ta gubbaa gadi buutu dhageenne.
19
Tun cufti waan raagootii nutti himte haga qaraalle caalaa akka dansaa nuu diidessiti. Yo waan kana akka dansaa caqaftan, waan dansaa tolchitan; wantii akkanaatiif innii akka ibsee dukkana keessa ibsituu jira, haga boruun diimatee bakkalchii barii garaa keessaniitti ibsuutti.
20
Waan cufaa irra, waan kana qaabadhaa; namii tokkoolleen danda'ee himanaa barreessii qulqulloo keessatti barreessan akkuma fedhu hinhimu.
21
Adoo namii dubbii fulaa Waaqaatii dhufte dubbatuu, ammoo Hafuura Qulqullootti nama dubbachiisee. Wantii akkanaatiif dubbiin himani tokkoolleen takkaa fedhii namaa keessaa hinbaane.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3