bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Peter 2
2 Peter 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
1
Raagootii dharaa duruu biyyaatti dhuftee, ammallee akkasuma raagootii, dharaa isaniitti dhufti. Barsiisaa dharaatii fi ta nama balleessituun dhuftee, Aabboo ka warra baase mormattee, yoma tokkoon badiin ufitti dhufan.
2
Yo akkas taateellee, namii hedduun karaa warra hamaa sun gula yaa. Ammallee wanti warri tolchuu akka karaa dhugaa keessa hammeen jiru biyya dubbachiifti.
3
Barsiisootii dharaa tunin akka wa keessaa argattu sabdooma ufitii fi oduu dharaa odeesiti. Ka warraatti muru bara hedduu kurfoo jira, ka warra balleessuulleen ya hirriibaa kahe.
4
Waaqii ergamtoota durii daba tolchite akkanumaatti hinlakkimnee, ammoo boolla gadi qileetti gataan, achiitti haada sibiilaatiin hidhan, dukkana keessatti murtii eegatti.
5
Waaqii lafa durii akkanumaatti hinlakkimnee, ammoo lafa warra Waaqaa hinsodaannee bokkaa guddaa itti roobee bisaaniin balleesse; namii innii baase Noha ka dhugaa barsiisee fi nama torba dhibii.
6
Waaqii dira Sodoomii fi ka Gomoraa wallaala itti muree, ibiddaan gubee daaraa tolche, warri kun akeessa nama Waaqaa hinsodaanneeti.
7
Innii nama dansaa ka Loox jedhan callaa baase, ka hameennii warra seera hinbeennee isa gaargalche.
8
Namii dansaan sunin jidduu warraa taa'ee, guyyaa cufaa hameenna warraa argee dhaga'ee garaan isaa hammaate.
9
Tanaaf Waaqii akka nama qajeelaa gaargala isaa duraa baasu, ammallee akka nama hamaa haga guyyaa muraatiin eegu inbeeka,
10
keessumaa warra dharraa nafaa hamtuu gula yaa'ee jabeenna Waaqaa tuffatuu. Barsiisootii dharaa tunin cuftii daallee kiyyibduu, ta mataa jabaattu, ta uumata gubbaa jira hinsodaanne arabsitu.
11
Ergamtootiilleen ta jabeennaa fi humna warra irra qabdu Aabboo duratti warra himattee hinarabsitu.
12
Warrii kunin ammoo akka bineensa alaaka qalbii hinqamnee jira, ka qabisaa fi ijjeechaa dhalate; warrii waan hubachuu dadhabe in abara. Warra akka bineensa alaa balleessan;
13
Akkuma warrii gaargalaan dhufe, warraallee gaargalaan ittii dhufan; gammadii warraa yo waan dharraa nafa warraa quufsitu guyyaa guddaan tolchan. Waan warrii karaa sobaa jaalatuuf, yo warrii sagalee isan waliin nyaatu waan fafaati.
14
Warrii nadheen malee waan tokkoollee hin millatu, sabdooma warra ka gara daba haguma jiran hinquufsan. Warrii nama laafaa cufa xuruuraa keessa buusa. Onneen warraa ya sabdooma barattee, tanaaf warrii abaarsa Waaqaa qaba.
15
Warrii la karaa qajeelaa irraa goree bade; ya karaa Bala'aam, ilma Be'or, gula yaa'e; innii horii hameenna tolchee fudhatu jaalate,
16
waan wallaala isaatiif isa gorsan. Wantii akkanaatiif haarreen duudaan qoonqoo namaatiin dubbatte, waan daallummaa ka raagii sun tolchu dhowarte.
17
Warrii kunin akka eela madda hinqamnee jira, akka dumansa bubbeen fuutuu jira; Waaqii ya dukkana siphee keessatti fulaa warraa midhaase.
18
Dubbii kiyyibaatii fi ta daallummaa dubbattan, nama diqquma tokko warra wallaala qabu keessaa hinbahiin dharraa nafaatiin soban xuruuraa keessa buusan.
19
“Nu isan balchoomsina namaan” jedhanii ammoo warrii ufiiyyuu tisseellee waan hamtuu, wantii akkanaatiif namiinuu tissee waan isaa dabsate cufaati.
20
Yo namii marroo Aabboo fi fayyisaa keenna Yesus Kiristoo beekuuf xurii lafaa keessaa ba'e, ammoo ammallee hammeennii sun isa qabee dabsatee, namii sun haga qaraallee irra hammeenna keessa jira.
21
Fulaa karaa dhugaa baratee seera qulqulloo isaa kennan irraa baduu, adoo silaa barachuu baatee irraa isaa jirti.
22
Wantii warrii ta'ee mammaassa, “Sareen didiiga ufiitti deebitee nyaatti” jedhuu fi ka, “Booyyeen dhiqan itti deebiteetti dhoqqee keessa gangalaatti” jedhuu, akka innii dhugaa garsiisa.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3