bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Thessalonians 1
2 Thessalonians 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
1
Phaawulos, Silwaanosii fi Ximotewos ergaa tana gara gumii Tasaloniiqee, ta Abbaa keennaa fi Aabboo Yesus Kiristoon takkaa taateetti barreessan.
2
Waaqaa Abbaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaa isanii kenninna.
3
Obboleeyyaan nu yo cufaa marroo teessaniif Waaqaa galata galchuu malle; marroo dhugeeffachaan teessan guddoo daramtee, ammallee jaalalti isan waljaalattan guddatteef, nu akkas tolchuu malle.
4
Mar. roo waan kanaatif nu gumii Waaqaa keessaatti dansooma keessan dubbanna. Akka isan gaargalaa fi dhiphuu isantti dhufte keessaatti obsitanii dhugeeffattan dubbanna.
5
Beessisii murtii Waaqaa ka dhugaa kana, marroo waan kana cufaatiif isan mootummaa Waaqaa ta amma gaargalufiitti jirtan tana ya maltan.
6
Waaqii waan qajeelaa tolcha, innii warra isan gaargalchu ingaargalcha.
7
Adoo amma gaargaltaniillee Aabboo Yesus gaafa ergamtoota isaa gugurdoo waliin gubbaa mullatu nu waliin isan qarqaara;
8
Aabboon ibidda boba'aa waliin mullata; gaafasi warra Waaqaa hinbeenneef ka dubbii dansaa Yesus Kiristoo hincaqamne ingaargalcha.
9
Warra Waaqaa hinbeenne sun fuula Waaqaatii fi jabeenna isaa guddaa duraa kaassaniitti badii haga jiruu jireennaatti galchan.
10
Guyyaa Yesus gumii isaa qulqulloo keessaatti guddifamuu fi ka warra isa dhugeeffate, cufaa irraa ulfinna argachuu dhufuu, isaniilleen marroo oduu dansaa nu isaniitti himne dhugeeffattaniif warra sun keessa jirtan.
11
Tanaaf nu yo cufaa akka isan jireenna Waaqii keenna itti isan yaame argattanii, jabeenna isatiin waan dansaa isan feetan cufaa isanii kennee, isan hujii teessan dansaa dhugeeffachaa guuttan, yo cufaa isanii kadhanna.
12
Karaa kanaan maqaan Aabboo keenna Yesus guddinna isan irraa argatee, isaniilleen eebba Waaqaatii fi ta Aabboo keenna Yesus Kiristootiin isa irraa ulfinna argattan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3