bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Thessalonians 2
2 Thessalonians 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
1
Obboleeyyan tiyya, anin amma waan dhufiisa Aabboo keenna Yesus Kiristootii fi waldeennaa nu isa waliin wal waldeennuutiif isan kadhadha, “Akka yo guyyaan Aabboo ammumaa ya dhufe” jedhan, hinwareerre yokaan hinrifanne hegerii waan kana nama fage yokhaan ka barsiisuutti jedhe, yokaan nutti ergaa tana keessaatti barreesse jedhan.
3
Namii tokkolleen karaa tokkolleen isan hinsobin. Haga lolii guddaan qaraa ka'ee namii hamaan aadaa hinbeenne ka fulaa ibidaatii male mullatuutti guyyaan sun hindhufuu.
4
Namii dhufu sun waan namii kadhatuuf ka namii guddisu cufaa hindida. Innii waan cufaa irra ufi guddiseetti, dhaqee mana Waaqaa keessa taa'ee Waaqaa ufiin jedha.
5
Waan kana cufaa akka anin adoo isan waliin jiruu isaniitti hime hinqaabatanii?
6
Amma wayiitti waan kana ta'uu dhowaa, isaniilleen waan sun hinuma beettan. Yo fulaan geette hamaan sun inmullata.
7
Hammeennii namii hubachuu hindandeenne sun ammaa lafa jira, ammoo haga namicha waan sun dhowwu karaa keessaa gorsaniitti wantii ta'uu malte hintaatu.
8
Duuba hamaan aadaa hinqamne sun hinmullata; Aabboo Yesus ammoo hafuura afaan isaa keessaa ba'uun isa ijjeesseetti, dhufiisa isaa ka guddinnatiin lafaa isa balleessa.
9
Hamaan aadaa hinqamne kaan jabeenna sheexanatiin dhufeetti mamiisa gosa hedduutii fi akeeka dhara akka hedduu tolchee,
10
soba hedduun warra badu soba. Mar. roo dhugaa warra baaftu jaalachuu didaniif badan.
11
Mar. roo waan kanaatiif Waaqii akka waan dhara dhugeeffatan wallaala hamtuu warraatti inerga.
12
Duuba nama amma dhugaa hindhugeeffatiin, ka daba jaalatu cufaa, wallaala itti muran.
13
Isan obboleeyyaan Aabboon jaalatee, akka Hafuura Qulqulloon qulqulloomtanii, dhugaatti dhugeeffatanii, baaffamtan Waaqii qaraa foohatee, yo cufaa marroo teessaniif Waaqaa galata galchuu malle.
14
Waaqii oduu dansaa ta nu isaniitti haasoomneen isan yaame; wantii innii isan yaameef akka isan qooda guddinna Aabboo Yesus Kiristoo argattan.
15
Tanaaf obboleeyyaan, dhugaa nu barsiisa dubbii afaantiin yokaan ergaa barreessine keessaalleetti isan barsiimne qaabadhaa jabadhaa dhaabadhaa.
16
Aabboo Yesus Kiristoo fi Waaqii Abbaa keennaa, ka nu jaalatee, eebba ufiitiin jajjabeenna barabaraatii fi abdii dansaa nuu kennee,
17
garaa keessan jabeessee isan kibinna, akka waan dansaa callaa dubbattanii tolchitan.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3