bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Thessalonians 3
2 Thessalonians 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Tana maleellee obboleeyyan, Waaqaa nuu kadhadhaa, akka dubbiin Aabboo hurriftee fulaa cufa geettee, akkuma fulaa teessaniitti fudhatan, akka ulfinnaan fudhatan Waaqaa nuu kadhadhaa.
2
Ammallee, akka Waaqii harka nama hamamaatii fi nama dabaa keessaa nu baassu kadhadhaa. Wantii akkanaatiif namii cufiitii dhugeeffachaa hinqabu.
3
Ammoo Aabboon ka dhugaati; innii isan jabeesseetti sheexanaallee isan iraa dhowwa.
4
Aabboon ya isan nu dhugeeffachiise; ammallee, akka isan waan nu isaniitti himnu cufaa ardhaa fi hegeriillee guuttan nu inbeenna.
5
Aabboon jaalala Waaqaatii fi obsa Kiristoon namaa kennuutti isan akeekiinna.
6
Ammallee obboleeyyan teenna, maqaa Aabboo Yesus Kiristootiin isaniitti himnaa, obboleeyyaan hujii hojjachuu diduu ta waan nu barsiimne cufaa gula hin yaane irraa fagaadhaa.
7
Isaniiyyu akka waan nu tolchine tolchuu maltan inbeettan. Gaafa isan waliin jirru nu hujii hojjachuu hindinne.
8
Qarqaarsa nama tokkollee akkanumaatti hinfudhanne. Ammoo akka nama tokkoollee hindhimne halkanii guyyaa dadhabnee hojjanne.
9
Nu waan kana marroo waan nu argachuu malle nuu kenna jechuu hindandeenneef hin lakkimne, ammoo akka akeeka dansaa isan agarsiimnuuf lakkimne.
10
Gaafa isan waliin jirru, “Namii hojjachuu didu sagalee hin nyaatin” jennee la isan ajaje.
11
Wantii nu waan kana jennuuf, waan akka namii garii jidduu teessan keessaa hujii hojjachuu didee, waan nama dhibii callaa akka yakkuu jiru marroo dhageenneef.
12
Jara sun akka warrii hujjii ufii adabaan hojjatee ufii bulchuu, Maqaa Aabboo Yesus Kiristootiin itti himnee gorsina.
13
Obboleeyyaan teenna, isan ammoo waan dansaa tolchuu hindadhabiinaa.
14
Nama dhaamsa nu ergaa tana keessaatti barreessine kana hinguunee, laalaa irraa fagaadhaa. Akka innii ufumaan ceeru.
15
Ammoo akka nyaapha isaa hintolchiina, akka obboleessaa gorsaa.
16
Aabboon, ka nagaa namaa kennu, yo cufaa fi woma cufaan nagaa isan guutinna. Aabboon isan cufaa waliin ha taa'uu.
17
Anin waan kana harkuma kiyyaan barreessa. Anin Phaawulos nagaa isanii dhaama. Anin yo cufaa ergaa tiyya akkuma kana barreessa; akeekii beekaniin kun ergaa tiyya cufaa irruma jira.
18
Eebbitii Aabboo Yesus Kiristoo isanii cufaa waliin taa'inna.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3