bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Titus 1
Titus 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya Phaawuloo ani hojjataa Waaqaatii fi ergamaa Yesus kiristoo; akka ani dhaqee, dhugeeffaachaa warra Waaqii foohatee qarqaaree, dhugaa dhugeeffachaan teenna, ta jireenna barbaraa abdattu barsiiftu warra barsiisuu la na foohatan.
2
Dhugeeffachaan tunin abdii jireenna barbaraa irratti ta yayyabamte. Waaqii ka dhara hin dubbanne, jireenna kan duruu ya nu kakate.
3
Fulaan geennaan dubbii ufii keessaatti nutti mullise. Dubbii Waaqaa tana waan akka ani jabeessu natti kennaniif akka ajaja fayyisaa keenna Aabboo Waaqaa gula inlabsa.
4
Anin ergaa tana tiitoo dhugeeffachaan ilma kiyya ka dhugaa, ka dhugeeffachaa waliin qamnu barreessa. Waaqaa Abbaatii fi Yesus kiristoon qarqaarsa keenaa, eebbaa fi nagaya isanii kenninna.
5
Wantii ani lafa Qareexisitti si lakkiseef akka atini waan qara hin tolchin ka tolchuu malan tolchituuf, ammallee akka atin akkuma anin sitti himee dira cufaa keessaatti jaarrolee gumii foo'attuuf.
6
Jaarsii sun ammoo wallaala qabaachuu hin malle; niitii tokko callaa qabaachuu malee, ilmaan isaalleen dhugeeffachaa qabaachuu malte, ijoollee hamtuu akka bineensaa jirtuu, ta dubbii namaa hin caqamne ta'uu hin mallee.
7
Innii waan hujjii Waaqaa harkaa qabuufii wallaala qabaachu hin malle. Kiyyibee miira hin diqqaatin, farsoo dhugee sabdaayee namaan wali hin didiin.
8
Nama keessummaa bulchuu, nama waan dansaa jaalatuu, nama ufi qorqoraatuu, nama qajeelaa, nama qulqullicha, nama adaba dansaa qabu ha ta'uu.
9
Dubbii dhugaa ta dhugeeffatanii fi ta waan barsiisaatiin wal fakkaattu ha akka dansaa jabeessuu. Karaa kanaan warii dande'ee nama dhibii barsiisa dhugaatiin qarqaaree, wallaala nama barsiisa kana didullee agarsiisa.
10
Wantii akkanaatiif nama hedduutti jira, keessumaa warrii aadaa Yahudiiti gara dhugeeffachaa galee dubbii dansaa caqasuu didee dubbii dharaatiin nama soba.
11
Silaa warra kana dubbachuu dhowwuu malan, wantii akkanaatiif warrii waan barsiisuu hin malin horii argachuuf olloota hedduu barsiisee balleessuutti jira.
12
Namichii Qareexis ka raaga warraa tokko “Warrii Qareexis cuftii kiyyibaa, bineensa hamaa, ammallee sabdii homaa hojjachuu hin feene” warraan jedhe.
13
Wantii innii jedhe sun dhugaa. Mar. roo waan kanaatiif akka dansaa warra gorsuu malte, akka warrii dhugeeffachaa qixxee horatee,
14
oduu Yahudiitii fi seera warra dhugaa gula deemuu didu irraa dhufuu lakkisu.
15
Warra qulqulloo wantii cuftii qulqulloo, warra xuraa'oo fi ka hin dhugeeffatin ammoo waan qalbii fi herregii warraalleen xurii qabuuf, wantii tokkolleen itti qulqulloonitii.
16
Waaqaa beenna ufiin jedhan, hujiin warraa ammoo indhaaressiti. Warrii nama jibba, nama hin caqasan, waan dansaa tokkollee hin tolchan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3