bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Titus 2
Titus 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
1
Ati ammoo waan barsiisaan dhugaa jettuu barsiisuu malte.
2
Jaarroleenii, ta hagatti ufi qabaa, qalbii horadha, ufi qorqoradhaa, dhugeeffachaa dansaa, jaalalaa fi obsa horadhaa jedhiin.
3
Akkasuma ammoo jaaroleen nadheeniilleen akka warra qulqulloo ha tahanii. Waan dansaa ta'e qofa ha barsiisanii malee, maqaa nama balleessuu fi dhugaatiin akka hin hammaane itti himi.
4
Akka nadheen ka'imaa jaalala dhiirsaatii fi ta ijoollee ufi barattee,
5
ufi qorqorattee, qulqulloomtee, adaba dansaan mana ufi teette dhiirsa ufiitii saalfattu barsiiftu. Akka namii tokkolleen hammeennaan dubbii Waaqaa hin dubbanne, waan dansaa barsiisuu malte.
6
Warra dhiiraa ka ka'imaalleen ammoo akkasuma ufi qorqoradhaa jedhiin.
7
Waan hojjatuu cufaa keessaatti waan dansaa hojjadhuu fakkeena dansaa warraa ta'i waan dhugumaan dhugeeffatte itti bultu jabeessii akka dansaa barsiisii.
8
Akka nyaaphii keenna waan nuun jedhu dhabee ceeruu, dubbii dansaa namii danda'ee hin tufaannee dubbadhi.
9
Tisseelleen abbootii ufiiti ajajamte waan tolchitu cufaan ha gammaachiiftuu. Ammallee dubbii afaan keessa hindeebisin.
10
Abbooti homaa duraa hinhatiin. Ammoo akka barsiisi Waaqaa baasaa keennaa waan cufa kessatti ulfaatu, akka yo cufaa dansoomaa fi dhugaa agarsiisaanii dhugeessanii gorsi.
11
Wantii akkanaatiif, Waaqii yaa eebba ufii marroo baafama nama cufaatiif, mullise.
12
Eebbitii tunin, waan hamtuu Waaqii hin feenee dharraa nafaa lakkisaa, ufi qorqoradhaa, qajeelaa, lafa tana irra jireenna Waaqii fedhu keessa taa'aa nuun jetti.
13
Guyyaan eebbaa ka nu abdannee eegannuu, guyyaa guddinnii Waaqaa guddaatii fi ka baasaa keenna Yesus kiristoo mullatu.
14
Innii akka hammeenna cufaa keessaa nu baasuu nafa ufii nuu kennee, gumii ufii qulqulloo, ta waan dansaa tolchuu feetu nu tolche.
15
Namii tokkolleen si hin tuffatinii, jabeenna kankee cufaan nama si caqasu cufaa jabeessii, gorsii waan kana nama barsiis.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3