bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Titus 3
Titus 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Gumii teetiin, dubbii warra lafa fiduutii fi ta warra gugurdaa caqasaa guutaa, waan dansaa cufaa tolchaa jedhiinii qaabsis.
2
Nama tokkollee hin hamatinaa, yo cufaa ammoo nagayaan, jaalalaa fi adaba dansaan nama cufaa waliin taa'aa jedhiin.
3
Wantii akkanaatiif nulleen durii daallee dubbii hin caqamne ta wallaala tolchitu. Nu tisseelee dharraa nafaatii fi gammada gosa cufaa taanee jireenna keenna cufaa dabaa fi kajeellaa keessa jiraanne; namii hedduulleen nu jibbee nulllen warra jibbine.
4
Ammoo naasuu fi jaalalti Waaqaa baasaa keennaa mullannaan,
5
marroo hujii dansaa nu hojjanneefiinitii, marroo naasuu isaatiif nu baasee; Hafuura Qulqulloon nu dhiqee; Hafuuri Qulqulloon sunii dhaloota haaraa fi jireenna haaraa nuu kenne.
6
Wantii akkanaatiif Waaqii marroo Yesus Kiristoo baasaa keennaatiifi, guddisee Hafuura ufii nurratti buuse,
7
akka marroo eebba isaatiifi nu Waaqaan waltii araaramnee jireenna barabaraa ka abdannu argannu.
8
Jechii kunin ka dhugaati; anin si'ii waan kana akka dansaa jabeessitu fedha, akka warrii Waaqaa dhugeeffatu cuftii hujii dansaa jabeessee hojjatu. Wantii kunin waan dansaa, nama cufaayyuu irra jirtii.
9
Ammoo wal mormii daallummaa hidda dhaloota namaa dha'iisaa, waldidiisaa fi hadhiisa waan seeraa lakkisaa. Wantii kunin cuftii waan tokkollee hin baatuu
10
Nama gargarii nama baasu marroo lama gorsii, yo innii didee itti deebitee maqaa isaallee hin dha'in.
11
Namii akkanaa kunin hamaa, dabii isaatuu akka innii wallaala ufitti muru agarsiisaa.
12
Anin akka haga bultii gannaa Niqopholiis taa'uu ya herregee, yo anin Arxemaas yokaan Xikiqoos sitti ergee jabaadhuu, Niqopholiisitti natti kootti.
13
Zenaas namicha seera beekuu fi Apholoos haga dandeettu qarqaar, yo warrii imaltuu ufii yaa'u waan warrii fedhu ka wareegaa cufaa kenniif.
14
Biyya teennaan ufumaa hin tataa'inaa jedhii, akka hujii dansaa hojjatanii waan fedhan argatanii barsiisii.
15
Warrii na waliin jiru cuftii nagaa isanii dhaamaa; isaniilleen jaallan teenna ta dhugeeffatte cufaa nagaya itti nuu himaa. Kennamsii naasuu Waaqaa isanii cufaa waliin ha jiraatuu.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3