bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Thessalonians 1
2 Thessalonians 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
1
Phaawuloos, Silwaanosii fi Ximootewoosiin biraa woldaa Kiristaanaa ta Rabbii Abbaa keennaatii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta Tasolonqee keessa jirtuuf.
2
Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u.
3
Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galatoonfachuu nu barbaachisa; amantiin keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galatoonfachuun keenna sirri'i.
4
Kanaafuu ari'amu'uu fi rakkoo isin irra gaye maraa keessatti waan obsitanii fi amanti'iinillee waan jabaattaniif, tokkummaa Woldaa Kiristaanaa keessatti nu isiniin boonna.
5
Waan isaatiifillee worra rakkinni isin irra gayuuf, jeennata Rabbiitiif worra gayaa taatanii akka laakkayamtaniif kun malkata murtii qajeelaa Rabbiiti.
6
Gooftaan Yesuus hennaa maleekkota baallii qaban woliin sami'ii arraba ibiddaatiin dhufu worra rakkinna isin irra geessaniif rakkinna; worra rakkinni nu woliin isin irra gaya'aaruu ammo harabaafachiisa; kun Rabbiin afo'otti dhugamaan qajeellummaa waan ta'eef.
8
Worra Rabbiin hin beennee fi worra Dubbii Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiifillee hin ajajamne haluu isaan baya.
9
Gaafa san woyyootaan ulfaachu'uu fi ragaa keennallee waan amantaniirtaniif, worra amanan maraa biratti ajaa'ibsiifamu'uuf hennaa dhufu, worri afoo Goofta'aatii fi ulfinna hunna Rabbii irraa fagaatan badii bara baraa keessatti adabaman.
11
Kanaafuu akkuma Ayyaana Waaqa keennaa, akkuma Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii maqaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin biratti ulfaachu'uuf, isinillee isa biratti ulfaachu'uuf, Waandhi Gooftaan keenna isaan waamamu'uun worra gayaa akka taatan godhee akka isin laakkayu, fedha mishummaa isaa maraaf, hujii amanti'ii jabeennaan akka raawwatu, waan keessaniif hennaa maraa Rabbiin kadhanna.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3