bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Thessalonians 2
2 Thessalonians 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
1
Obboleeyyan tiyya! Waan dhufa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif waan isa biratti wol gayuu keennaa; Ayyaanaan yookaan dubbii nu biraa isinii ergameen,
2
«guyyaan Goofta'aa gayeera» jettanii ariifattanii yaada keessaniin hin raafaminaa'a, hin nayinalle'e, jennee isin kadhanna.
3
Eennullee karaa kamiin isin hin dogoggorsin, uduu ganuun firrisee hin dhufne namni mitaa, innillee ilmi badi'ii uduu hin mudhanne guyyaan sun hin dhufu.
4
«Ani Rabbi jedha'aa» labsi'iin hima'aa, haga mana woyyuu Rabbii keessatti worra Waaqa jedhaman maraa caalaa, ka namoonni waaqeffatan maraa ol ka uf qabuu fi morma'a.
5
Ani hennaa isin woliin jiru, akka kana isiniin jedhe hin qaabattanii?
6
Hennaa ufiititti akka mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan.
7
Dhossaan hunna hameennaa ammumaa hujii irra jira; ta'ullee haga karaa irraa ka'utti amma waan isa dhooggutu jira.
8
Hennaa san ka Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura afaan ufiitiin balleessuu, hennaa deebi'ee dhufu mudhachuu ufiitiin ka balleessu ilmi badi'ii hin mudhata.
9
Worra fayyu'uuf jaalala dhuga'aa hin fudhannee fi worra badaniif dhufti isaa maalalee maraa fi malkata sobdootaatiin, soba hamaa maraan, sobu'uun akka hujii seexanaatiin.
11
Sababaa kanaaf worri dhuga'aan hin amanne, worri hama'atti gammada'aa turan maruu, akka murtii argataniif sobatti akka amanan, Rabbi hunna isaan wol wolaalchisu isaanitti erga.
13
Nu ammo worra Goofta'aan jaalatamtan! hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galatoonfachuu nu barbaachisa. Rabbi Ayyaanaan woyyoomuu dhugaallee amanu'uun fayyinnaaf akka hangafaatitti waan isin filateeruuf.
14
Waan kanaan ulfinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii akka argattaniif, Dubbii Nagayaa ka nu isinitti lallabneen isin waame.
15
Eeganaa obboleeyyan tiyya! jabaadha'aa dhaabadhaa'a; dubbii keennaanillee yoo ta'e yookaan erga'aaf barreeffamaan waan isin barsiifne jabaadha'aa eegaa'a.
16
Gooftaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Rabbi Abbaan keenna ka nu jaalate badhaadha, jajjabaachuu bara baraatiif ka abdii mishaa nuu kenne, onnee keessan haa jajjabeessan. Hujii misha'aa fi dubbii maraan isin haa dhaaban.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3