bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Thessalonians 3
2 Thessalonians 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen dubbiin Goofta'aa akka ariiti'iin deemu, isin birattillee akka ta'utti akka kabajjamu, namoonni hedduu waan hin amanneef, namoota hammeeyyi'ii fi worra diiggaa hojjatan jalaa akka baanu Rabbiin nuu kadhadhaa'a.
3
Haa ta'uu ammo Gooftaan isin dhaabu, ka hamaa irraa isin eegu amanama'a.
4
Waan isin ajanyu amma akka gootan, duranallee akkasuma akka gootan, waan keessaniif Gooftaa hedanneerra.
5
Gooftaan garaa keenna gara jaalala Rabbii, gara obsa Kiristoosii haa qajeelchu.
6
Obboleeyyan tiyya! Worra huji'iif seera malee deemanii fi worra akka aaloo nu isinii dabarsineetiin hin jiraanne maraa irraa akka fooyamtan maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya.
7
Attamitti akka nu fakkaachuun isin barbaachisu isinuu waan beettaniif, nu isin biratti haala malee hin jiraanne.
8
Isin biratti waan tokkoonillee akka isinitti hin ulfaanne, halkanii fi guyyaa dadhabbi'ii fi xaari'iin hojjata'aa jiraata'aa turre malee, eennuun irraallee buddeena akkanumaan hin nyaanne.
9
Kunillee akka isin nu fakkaattaniif uf akka fakkeennaatitti isinii kennu'uuf turre malee nu waan baallii hin qabneefii miti.
10
Akkasuma hennaa isin woliin jirru, «Ka hujuu hin jaalanne hin nyaatin» jennee isin seerree waan turreef.
11
Sirima uduu hujii hin hojjanne waan namaa keessa gaala'aa worra seera malee isin keessa deemanii fi waan namoota gari gari'ii dhageenneerra.
12
Worri akkanaa kunniin cadhisanii hojjata'aa buddeenuma isaanii akka nyaatan, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isaan seerra, isaan gorsinalle'e.
13
Obboleeyyan tiyya! Isin ammo hujii mishaa hojjachuu hin dadhabinaa'a.
14
Dubbii keenna ka dhaamsa kanaan ergameef ka hin ajajamne eennullee yoo jiraate kana laala'aa akka saalfatu isa woliin wol hin ta'inaa'a.
15
Haa ta'uu ammo akka obboleessaatitti isa gorsaa malee, akka diinaatitti isa hin laalinaa'a.
16
Rabbiin nagayaa, hennaa maraa karaa maraan, inninuu nagaya isinii haa kennu. Gooftaan isin maraa woliin haa ta'u.
17
Dhaamsi kun ka ani Phaawuloos harkuma kiyyaan barreesse. Ragaa dhaamsa ergaawwan kiyyaa maraa akkanatti barreesseera.
18
Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3