bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Habakkuk 1
Habakkuk 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
1
Dubbiin Rabbi Imbaaqoomii raattichatti mudhataan mudhise kana;
2
Yaa Rabbi! guyyaan ati akka nu gargaartuu fi miidhaa nu irra gayeef sitti himata'aa gara kee iyyannu dhageettee nu oolchitu yoomi?
3
Ati maaf miidhaa ta'a'aaru kana maraa akka argu na taasifte? atillee hennaa miidhaan kun maruu ta'u arga'aa attamitti cadhiftee laalta? ani badi'ii fi dhibuu arga'aara; lollinii fi wol mormiin hin ka'a.
4
Akkaataa kanaan seerri laafeera; handhillee dabeera; worri hammeeyyiin namoota qajeelaa marsaniiran; kanaafuu murtiin dabeera.
5
Achiin maayessa Rabbi banii ufiitiin akkana jedhe, «Isin banii naannaya keessan jiru mee laalaa'a; waan argitan maraa guddisa'aa maalalaa'a; ani waan maalale'ee ka namni kamuu isinitti himee amanuu hin dandeenne bara keessanitti godha.
6
Ani worra Baabiloonii gar jabeeyyi'ii fi worra jarjaru san isinitti kaasa; isaan biyya ka isaanii hin taane hunna ufiitiin qabachu'uuf biyya maraa keessa naannayan.
7
Isaan worra nama sodaachisanii fi nama naasisan; seera ulfinna ufii ittiin eeggatan baafatan.
8
Faradoon isaanii qeerransa caalaa fiigan, jeedala halkanii caalaa nama sodaachisan; worri farda yaabbatan gulufa'aa fago'oo dhufan butanii nyaachu'uuf akka allaattii bajja jedhamuu caalaa bararan.
9
Loltoonni isaanii maruu hujii didda'aa hojjatu'uuf deeman; fuulli isaanii akka qilleensa baya biiftu'uutii dhufuu nama guba; worra booji'aman akka xidhacha galaanaa wolitti qaban.
10
Isaan moototatti baldan; bulchoota ufii tuffatan; kusheewwan maraa irratti kolfa'aa biyyee tuulanii isaan qaban.
11
Achiin maayessa isaan akka qilleensaa haranii deeman; namoonni hunna ufii akka Waaqa ufiititti laalan kunniin yakkamtoota.»
12
Yaa Rabbi! Waaqa kiyya! ati woyyuu dur irraa jirtu; ati waan nu eedduuf hin duunu; ati isaan akka murtii kee raawwatan keetteerta; Ati akka dhagaa qarsa'aa keenna! akka isaan nu adaban baallii isaanii kenniteerta.
13
Ijji tee waan qulqulluu taateef attamitti waan hamaa argitee obsita! atillee hennaa hujiin hamaan hojjatamu arguun sitti hin tolu; eeganaa worra dhibaa kanniin attamitti cadhiftee laalta? hennaa worri hammeeyyiin namoota isaan caalaa mimmishaa ta'an balleessu'uuf ka'an maaf cadhiftee laalta?
14
Wonti namoota akka qurxummii galaanaatii fi uumama gara'aan lafa irra looyan ka galaana keessaa ka isaan bulchu hin qabnee isaan gootuuf maali'i?
15
Akkuma qurxummiin hookkoo sibiilaatiin qabamu akkasuma diinni isaan maraa qaba; akka qurxummii siibo'oon harkifamuutitti isaan harkisanii hulee wolitti qabanitti isaan tuulan; waan kana godheef gammadee utaala.
16
Isaan siiboo ufii ka harkisanii ittiin baasan saniif qanani'iin nu jiraachise, nyaata addaa nu nyaachise jedhanii meeshaa ufii kanaaf ciincaa dhiyeessan; hixaanallee hin aarsaniif.
17
Eeganaa inni siiboo hargufa'aa banii araara malee fixa'aa deemuu barbaachisaa?
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3