bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Habakkuk 3
Habakkuk 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Kadhaan Imbaaqoomiin raattichi faaru'uun dhiyeesse kana;
2
Yaa Rabbi! ani hujii maalale'ee ka ati hojjatte maraa dhagayee guddisee sodaadhe; ammallee bara keenna kana keessatti hujii kee ka durii deebi'ii hojjadhu; bara marattuu akka beekkamu taasisi; hennaa loltullee araara kee nu irraa hin fageessin.
3
Rabbi woyyummaa ufiitiin biyya Teemaaniitii fi gaara Faaraaniitii deebi'ee dhufa; gaachenni Waaqummaa isaa samiiwwan dhosseera; galanni isaa ardii guuteera.
4
Ifti isaa akka ifa adu'uuti; hunna ufii yoo dhosse harka isaa keessaa ifa biiftuu ganamaatitu baya.
5
Dhukkubni isa afoo deema; balaan isa duubaan deema.
6
Hennaa inni dhaabatu lafti hin raafamti; baniin hennaa inni isaan laale hin hollatan; gaarran durii hin diiggaman; tulloonni inni dur irraa jalqabee irra deemu gad liqimfaman.
7
Ani hennaa gandi Itoophiya'aa hucuucaman, namoonni Miidiyaamii hennaa hollatan arge.
8
Rabbii kiyya! ati hennaa farado'oo fi gaarii kee ka fardaa gara hulee moote'ee masakkite lolli kee guddaan galaannan irra turee? mo'o galaanaan lolte?
9
Ati buundhee kee qolaa luqqifatte, eboo kee darbatu'uuf aggaamte ati lafa baqassitee laggiin baafte.
10
Gaarran si arganii sodaatanii hollatan; lolaan roobaa lafa haree lufe; galaanni laagaa guddaa dhageessise; dambaliin guddisee ol ka'e.
11
Sababaa bakakkaa kee ka akka buundhe'eetitti darbamuu fi ka akka ebo'ootitti ifuutiin adu'uu fi jiini hulee jiranitti dhaabatan.
12
Ati lafa irra dhaabattee, banii dheekkamsa keetiin dhidhiitte.
13
Ati banii kee oolchu'uuf mootii muuddee moosifte hambisu'uuf baate; bulchaa biyya badi'ii hin tumte; worra isa faanaa deemanillee balleessitee qullaa isa hambifte; miilaa haga mata'aa qullaa isa hambifte.
14
Bulchaa loltootaa ka akka qilleensa bubbe'ee nu bittinneessu'uuf dhufe eboma isaatiin isa woraante; inni akkuma bineensa busaawaa dadhabaa cicciru'uuf kajeeluu hiyyeeyyii dhokatan miidhu'uuf qophaayee ture.
15
Ati hennaa faradoo keetiin galaana keessa deemtu galaanni xiillaan hin raafama.
16
Ani hennaa kana mara dhagawu qaamni kiyya hin hollata; laagaan isaa hidhii kiyya hollachiisa; lafeewwan kiyya hin shaman; miilli kiyya na jalatti hollatan; ani rakkoo diintota kiyya irra gawu obsaan eega.
17
Yoma munni hurbu'uu daraaruu baate, yoo biqiltuu woyini'ii irra daraaraan hin argamne, yoo munni ejersaa daraaraa hin kennine, yoo lafa qonnaa keessaa midhaan bade, yoo tinni hoolotaa maruu dhumanii fi yoma moonaa keessa horiin woyiituu hin jiraanne
18
Yoma kunniin maruu dhabamellee ani Rabbiin gammada; Waaqa fayyisaa kiyyaan burraaqa.
19
Rabbi Gooftaan hunna kiyya; luka kiyya akka luka borofaatitti naa jabeessa; gaarran irrallee akka deemu na taasisa.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3